Kutaaleen Hawaasa Oromoo adda addaa weerara Uummata Oromoo fi Daangaa Oromiyaa irratti labsame qolachuuf tokkummaan akka tumsan Global Gumii Oromiyaa waamicha dhiyeesseera

Global Gumii Oromiyaa dhimma yeroo ammaa naannoo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisun hawaasa oromoo magaalaa Torontoo fi naannawashee wajjin mari’achuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii kudhanii baaseera.

Globala Gumii Oromoo marii tibbana mata duree “Duguuggaa Sanyii Nurratti Aggaamame Irraa Of-Dandamachiisuuf Maal Gochuu Qabna”? jedhuun hawaasa Torontoo wajjin mari’ateen uummanni Oromoo waggoota darban dararaa adda addaa keessa akka ture beeksiseera.

Bara bulchiinsa mootummaa wayyaanee keessa lammiileen Oromoo ajjeefamaa, ukkaamfamaa fi hidhamaa akka turan Global Gumii Oromiyaa ibsa ejjennoo baaseen beeksiseera.

Keessattuu, waggoota lamaan darban qabsoo bilisummaa uummanni oromoo gochaa jiruu wajjin walqabatee gochi suukanneessaan mootummaan wayyaanee uummata oromoo irratti raawwatu daran hammaataa fi babal’ataa akka dhufe ibsi kun mul’iseera.
Gocha sanyii duguuggaa mootummaan wayyaanee uummata Oromoo irratti raawwatuun lubbuun ilmaan Oromoo kumaatamatti lakkaa’amu akka galaafatamee fi ammas galaafatamaa jiraachuu ibsichi beeksiseera.

Lammiileen Oromoo dhibbootamatti lakkaa’aman guyyaa tokkotti wayita ajjeefaman arguu fi dhaga’uun akka danda’ame ibsi ejjennoo gumichaa himeera.

Mootummaan wayyaanee waggoota darban Oromiyaa addaan cicciruun handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee akka fudhates beeksiseera.

Ji’oota torban darban keessa humnoota meeshaa waraanaa hidhatan bobbaasuun ilmaan Oromoo baay’inaan ajjeesuu, qe’eerraa buqqisuu fi qabeenya irraa saamuun harka duwwaa ari’aa akka jiru ibsi kun yaadachiiseera.

Kana malees mootummaan wayyaanee uummata oromoo uummattoota ollaa waggoota baay’eef nageenyaa fi jaalala obbolummaan waliin jiraachaa turee wajjin walitti buusaa akka jiru ibsi kun mul’iseera.

Waldhabdeen mootummaa wayyaaneen qindeeffame kun gaaga’ama guddaa qaqqabsiisuun diinummaa guddaa uumaa jiraachuusaa Global Gumii Oromiyaa ibsa baaseen beeksiseera.

Walumaa galatti, haalli biyyattii keessa jiru bal’ina lafa Oromiyaa fi lakkoofsa uummatichaa xiqqeessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsi kun mul’iseera.

Kanaafuu Global Gumii Oromiyaa fi miseensonni hawaasa Oromoo magaalaa Torontoo fi naannawaa ishee karaa barbaachisaa ta’e hundaan uummata oromoo maddii akka hiriran ibsa ejjennoo abbaa qabxii kudhanii baasaniin mirkaneessaniiru.

Kutaaleen hawaasa Oromoo dhaabbilee adda addaa keessaa hojjetanii fi deggeran weerara uummata oromoo fi daangaa Oromiyaa irratti labsame kana qolachuu fi birmadummaa Oromiyaa mirkaneessuuf tokkummaan akka hirmaatan Global Gumii Oromiyaan waamicha dhiyeesseera.