Kubbaaniyaan Hindii tajaajila humna ibsaa Itoophiyaa fooyyessuuf walii galtee dolaara miliyoona 50 mallatteesse.

Bitootessa 31/2016

Kubbaaniyaan Hindii tajaajila humna ibsaa Itoophiyaa fooyyessuuf walii galtee dolaara miliyoona 50 mallatteesse.

Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota naannoowwan ishee keessatti qulqullinaa fi ciccitiinsa ibsaa furmaata dhabee jiru furuuf kubbaaniyaan hindii tokko piroojektii dolaara miliyoona 50 fudhate.

Hojii wal fakkaatuuf waggaa tokko dura walii galtee dolaara miliyoona 16.7 mallatteessee kan ture dhaabbatni paawor Giriik konsitiraakishinii rakkoo jiruuf furmaata hin argamsiifne jechuun walii galtee waggaa lamaa osoo hin dheeressiin biyya keessaa akka bahu taassifamuun isaa ni yaadatama.

Hojii marsaa duraatiin kan hin gammanne angeffamtootni mootummaa bu’aa barbaabadamu galmeessisuu dhiisuu isaatiin walii galtee haromsuu dhiisuun isaanii ni yaadatama.

Itti aanaa muumicha ministeeraa fi itti gaafatamaa infoormeeshin teekinoolojii Dr. Debiretsiyoon Gebiremikaa’eel waliigaltee kubbaaniyaa hindii addaan cituun wal qabsiisanii hojichi ogeeyyii biyya keessaan akka hojjetamu jechuun isaanii ni beekama.

Haa ta’u malee rakkoon ciccitinsaa fi quliqullina dhabuu tajaajila ibsaa Magaalaa guddittii Finfinnee fi magaaloota naannolee itti caaluu isaatiin mootummaan Laarsen Endii Toorooboo Limitirid jedhamu kubbaaniyaa hindii waliin walii galtee dolaara miliyoona 50 mallatteesseera.

Waggaa lama gidduutti raawwata kan jedhame piroojektiin kun daandii baaburaa dabalatee Indusitirriiwwanii fi maamiltoota biroo dabalatee tajaajila ifaa osoo hin ciccitin geessisa jedhamee eegama.

Waliigalteen kubbaaniyaa kana waliin taassifame kun tamsaasa giddu gala ibsaa dabaluun ciccituu ifaa dhaabuu akkaataa dandeessisuun jechuun raawwachiftuun tajaajila ifaa Itoophiyaa aadde Azeeb Asnaaqe midiyaalee biyya keessaatti himaniiru.

Maallaqni kubbaaniyaa Hindii kanaaf kaffalamu persentiin 85 (85%) ejensii misooma Faransaay irraa liqiin kan argamu yoo ta’u persentii 15 ammoo mootummaan kan kafalamu ta’uu hubatameera.

Rakkoo tajaajila ifaa biyya keessatti cimaa dhufe kanaan wal qabatee dhaabbileen hojii Indastirii irratti bobba’anii jiran mufannaa isaanii biiroo muumicha ministeeraatti dhiheessan marii irratti gaggeessaniiru.