Koroporeshiiniin Biroodkaastii Biiriteen ykn BBC Afaan Oromoo,Amariffaa fi Tigriffaa Dabalatee afaan 11 tamsaasa akka jalqabuu beeksiise.

Koroporeshiinii Biroodkaastii Biirteen (BBC) afaan Itoophiyaa keessatti dubbatamu sadi dabalatee afaan biyyoota gara gara 11 tiin bara faranjoota haaraatti tamsaasa akka jalqabu beeksiiseera.
BBC tajaajila kana jalqabuuf bara darbee karoora isaa mootummaa Biirteeniif dhiyeessee akka ture ni yaadatama.
Karoora dhiyaateef mootummaan biyyaatti mirkaneessee bajeeta ramadeef jira. BBC bajeeta gahaa waan argateef bara faranjoota 2017 jalqabee Afaan Oromoo, Amariffaa fi Tigriffaa dabalatee afaan biyyoota gara gara keessatti dubbataman saddeetiin tamsaasa akka jalqabu Darkiteeriin koroporeshiniichaa Toonii Haal himaniiru.
BBCn Afaan Oromootiin tamsaasa akka jalqabuuf dhalattoonni sabaa oromoo biyyaa keessa fi biyyoota alaa jiran mallattoo gaaffii walitti qabaa akka turan ni yaadatama. .
BBC Afaan 11 tamsaasa haaraa jalqabuuf murteessuun isaa waggoota 70 keessatti kan jalqabaa fi qabiyyeedhaanis kan adda akka ta’ee Toonii Haal beeksisaniiru.
karoora tamsaasa haaraa kana bara darbee wayita beeksiisu biyyoota komiin sirna dimokiraasii fi sarbamuun mirga namooma itti baay’aatuuf dursa akka kennu beeksiisee ture.
Biyyoonni akka Itoophiyaa, Raashiyaa fi Kooriyaa kaabaa rakkoon sarbamuu mirga namooma fi dimokraasii waan jiruuf xiyyeeffannoon akka kennameef hogganttoonni koroporeshiniichaa beeksiisan turan.
Mootummaan Itoophiyaa koroporeshiniichi biyyaatti bifa kana waan ibseef balaleefatee ture. Afaanoota sadeen Itoophiyaa keessatti dubbatamaniin tamsaasa jalqabuuf murteessuun hanqinaa odeeffannoo jiru kan furu jedhameera.
Tamasaasin haaroofti BBC dhiyeenya jalqabu kun odeeffannoo waayitaawaa dhaabbilee hawaasummaa fi tekeneloojii dijitaaliitiin deeggaramun dhaggeeffattoota fi dawwattoota bira akka gahu dandesiisa.
BBC tamsaasa haraa afaan 11 dhiyeenya jalqabuuf murteessuun waliigalatti baay’ina afaan ittin tamsaasu gara 40 ol guddisa.Waggoota jahan dhufanitti namoonni miliyoonaa 500 tajaajila BBC akka argataniif karoorfateera.
Mootummaan Itoophiyaa afaan Oromoo Televizhiinii Federaalaa irratti hin barbaachisuu jechuun waggoota 9 dura cufuun isaa ni yaadatama.
Waggoota sagaaliin booda BBC afaanoota 40 ittin tamsaasu keessa Afaan Oromoo tokko akka ta’e beeksiisuun Ummata Oromoof gammachuu guddaa akka ta’ee namoonni baay’een miidiyaalee hawaasummaatiin beeksiisa jiru.