Koree Hojii Raawwachistuu Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay walgahii isaanii waliigaluun xummuru hin dandeenye jedhame.

Walgahiin Koreen hojii rawwaachistuu guddugaleessa Adda Bilisaa Baasaa ummta Tigraay ji’a tokko oliif itti fufe dhimmoota gurguddoo irratti waliigaluu akka hin dandeenye himameera
Walgahiin koree hojii raawwachistuu waayyaannee kun jalqaba ji’a onkololeessa magaala Maqaleetti akkasuma immoo magaala Finfinneetti gaggeeffama tureera.
Walgahiin koree hojii raawwachistuu waayyaannee kun waliigalteen xumuramu waan hin danda’amneef guyyoota 10n dura irra deebiin magaala Maqaleetti jalqabamee ture.
Walgahiin amma kunis bu’aa qabatamaa fiduurra gara yaadan addaan qooduutti ce’aa akka jiru marsaaleen hawaasummaa waayyaaneedhaaf quuqamuun beekaman gabaasaniiru.
Ka’uumsa yaada marii walgahiichaaf gabaasni qorannoo abbaa fuula 59 dhiyaate madda waldabdee qondaltoota waayyaannee akka ta’e marsaan miidiyaa hawaasummaa ‘Hoorn Afeeris’jedhamu gabaaseera.
Gabaasa qorannoo kana miseensoonni koree hojii raawwachistuu addichaa 8 keessa shan wayita fudhatan sadi immoo mormusaanii gabaafameera
Haati mana ministiira muummee duraanii Aadee Azeeb Masfiin qondaltoota olaannoo addichaa gabaasicha morman keessatti akka argamaniis himameera
Gabaasni qorannoo ka’uumsa yaada marii walgahichaaf dhiyaate kanarratti miseensoonni koree hojii raawwachistu hundi jalqaba irratti waliigalanii akka ture gabaafameera.
Haati mana ministiira muuummee duraanii aadee Azeeb Masfiin sanadii qorannoo kana mormuun walgahicha dhiisanii akka bahan marsaan miidiyaa hawaasummaa waayyaannee gabaaseera
Aadee Azeeb walgahicha dhiisanii kan bahan qorannoon dhuunfa wayita jalqabamu akka ta’e himameera
Miseensonni koree Hojii raawwachistu addichaa yaadan waliigalaa akka jiran marsaan miidiyaa hawaasummaa Ayigaa Foraam jedhamu torbee darbe gabaase ture.
Qondaltoonni waayyaannee aangoo siyaasa biyyaatti harka isaanii keessa baha jiru deebisanii too’achuuf qorannoodhan hudhanii walqabuu isaanii gabaafameera.
Qondaltoonni waggoota 27n darbaniif aangoorra turan kunniin fedhii ummataa ilaalurra tokko kan biraatti quba qabuun wal- yakkaa akka jiran himameera.
Walgahii maqaa jaarsummaan jalqabameen immoo Pirezedaantiin naannichaa obboo Abbaay Walduu akkasumas haati mana ministiira muummee duraanii aadee Azeeb Masfiin irra turan akka jala hin tuqamne waadaan galameefiira
Aadee Azeeb hoggntummaan kampaanii dolaarii biiliyoona hedduu schoosu kana akka jala hin tuqamne waadaan galamuufis amanuu dadhabuun walgahii dhiisan bahaniiru.
Adeemsa walgahii koree hojii raawwachistuu Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay hanga amma jiruun gareen obboo Sibihaat Naggaa olantummaan duursa akka jiru himameera
Gareewwaan Koree Hojii Raawwachistuu Tigraay lamaan miseensoota raayyaa ittisa biyyaarra deeggarsa argachuuf harka lafa jalan hojjacha jius jedhameera