Kooriyaan Kaabaa miisaa’elii gara daangaa Jaappaanitti dhukaasu himameera

Kooriyaan Kaabaa gaaffii fi akekkaachiisa Mootummaa Amerikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii gara maddiitti dhiisuun gaafa wixataa miisaa’elii gara Jaappaanitti dhukaasu ishee gabaafameera.
Biyyaattiin Miisaa’elii kana magaalaa Piyoongiyaangii gara kaaba bulchiinsa Jaappaanitti akka dhukaaste miidiyaaleen addunyaa gurguddoon gabaasaniiru.
Ministiirri muummee Jaappaan Jaappaan Shiinzoo Abee gochi Kooriyaa Kaabaa kun fudhatama kan hin qabnee fi dubbi barbaacha guddaa birmadummaa biyya isaanii irratti aggamame jedhan.
Miisaa’elli Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaangii dhukastee kun daangaa Jaappaan qaxxaamuruuni galaana keessatti akka kufees gabaafameera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Manni Maree Nageenyaa gocha dhukaasu Misaa’eeli Kooriyaa Kaabaa kana irratti ni mari’ata jedhame eegama
Biyyaatti yeroo dhiyoo asi miisaa’elaa baalastiik yaaliif dhukaasa kan turte yoo ta’u, daangaa jaappaan kan qaxxamuru yoo dhukaastu inni wixataa kun kan yaaddeessa ta’uusa himameera.
Kooriyaan Kaabaa kana duraas bara 1998 fi 2009 meeshaa waraaana daangaa Jaappaan qaxxamuru akka dhukaste himama tureera.
Yaa ta’u malee, biyyaattiin meeshaa waraana osoo hin taane saatalaayitii gara hawaatti ergee jechun ni yaadatama
Miisaa’elli biyyaatti yeroo dhihoo asi yaaliif dhukaasa jirtu cimaa fi nuukleeraa baachuu kan danda’u ta’u shakkameera. Yaaliin biyyaatti amma kun lammiileen Jaappaan sodaachiseera..