Konkolattoonni Ministeera Eggumsa Fayyaa Maallaqa Gargaarsa Adda Addaan Bitaman Loltoota Mootummaa namoota nagaa Ajjeessaniif tajaajila Geejjibaa kennaa jiru.


Oduu Biraan immoo, Bahaa Biyyaatti magaal Babbiillee fi harar giduu walitti bu’iinsi guddaan meeshaa waraanaan deeggarame gaggeeffama waan jiruuf lammiileen Amerikaa garaas imalan akka of-eegaan Imbaasiichi hubachiiseera.
Maddi walitti bu’iinsa kanaa maal akka ta’e beekamu baatuus murtii ummataan alaa tibbaana gandoonni baay’een naannoo Oromiyaa irra kutanii naannoo Sumaaleef kennaa waan jiraniif ta’u ni mala jedhameera.
Konkolatoonni Minsteera Eggumsa Fayyaa hojii dhibeewwaan dadarboo ittisuuf hojjatamu akka tumsaniif dhaabbiilee adda adda irra gargaarsan argaman loltoota Agaaziif tajaajila Geejjibaa kenna jiru.
Konkolattoota Ministeera Eggumsa Fayyaa loltoota Agaaziif tajaajila geejjibaa kennan keessa tokkoo tibbaana magaalaa Amboo keessatti ibidan akka gubatte ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa konkolattoonni hojii Eggumsa fayyaa hojjatamu tumsa akka jiran himus dargaggoonni magaala Amboo garuu konkolataa gubbattee kun loltoota feete akka turte himaniiru.
Loltoonniis Mootummaa konkolaata kana karaa irra dhaabuun dargaggoota reebuuf mandara keessa deemaa wayita turan dargaggoonni magaalaatti ibidaan akka guban beekameera.
Konkolaatan Minsteera Eggumsa Fayyaa kan biroo immo loltoota Agaazii meeshaa waraanaa hanga funyaaniitti hidhatan feetee magaala Ambootti keessa wayita deemtu suuraan kaafame marsaalee miidiyaa hawaasummaa irratti gadidhiifameera.
Mootummaan Itoophiyaa konkolattoota maallaqa Gilobaal Fandii fi Dhaabbata Gargaarsa Mootummaa Amerikaa irra argameen bitamn hojii dhibee daddarboo ittisuuf hojjatamuuf tajaajila geejjibbaa akka laataaniif yaadame ture.
konkolattoonni kunniin amma hojii dhibee durasanii ittisuu fi kan dhukkubsatan itti waldhaanuuf tajaajila kennuun hafee lotoota namoota nagaa ajjeessaniif tajaajila geejjibaa kennaa akka jiran ifaatti beekameera.
Ministeerri Eggumsa Faayyaa Konkolattoota dhibeewwan daddarboo ittisuuf gargaarsaan argate seeraan ala itti fayyadamaa akka jiru Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa beeksiseera.
Konkolataa bareeffamni Minsteerra eggumda Fayyaa jedhu irratti bareeffame loltoota meeshaa waraanaa hidhatanii fi uffataa seeraa uffatan feete akka jirtu Suuraan marsaalee miidiyaa hawasummaa irratti gadidhifameera hubatameera.
Konkalttoonni kunniin dhibeewwan akka HIV/ AIDS, Daranyoo Sombaa fi Busaa ittisuuf hojjatamu akka tumsaniif Dhaabbanni Gargaarsa Amerikaa fi Gilobaal Fandiii irra gargaarsan kan argaman.
Mootumaan Amerikaa Hojiilee misooma Adda addaa Itoophiyaa keessatti hojjataman gara dhaabbilee idila Addunyaaa fi dhaabbilee biyyaa keessaan tumsaa akka jiru Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa beeksiseera.
Mootummaan Amerikaa Wajjiiraalee mootummaa Itoophiyaa meeshaalee adda addaa akka gargaara ture Imbaasiichii yaadachiiseera.
Meeshaaleen kennaman kunniin konkolattoota dabalatee kaayyoo waajjirichaa qofaf akka tajaajilaniif ta’u Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa beeksiiseera.
Gargaarsi misoomaa Amerikaan kennitu hojiilee Loltummaa, Tikaa fi Pooliisiif tajaajila akka hin kenninee Seerri Mootummaa Amerikaa akka dhoorku Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa beeksiseera
Konkolattoonni mootummaan Amerikaa gargaaraan Ministeera Eggumsa Fayyaaf kennee loltoota mootummaaf tajaajila geejjibaa kenna akka jiran miidiyaale hawaasummaa irra odeeffannoo akka argate Imbaasiichi beeksiseera.
Gochi kun dhugaa yoo ta’e, hojii hawaasummaa minsteerrichi hojjatuu shakkii keessa kan galchu fi hojjattoota balaaf kan saaxilu ittin jedheera.