Keeniyaatti hoggantoonni Bulchiinsa Sambuura Itoophiyaa dawwaachuun isaanii qabeenya Ummataa mancaasudha jechuun Bulchitoonni ol’aannoon mormaniiru.

Jilli Bulchiinsa Sambuura Itoophiyaa guyyoota sadeetiif daawwachuuf bajeeta dolaarii kuma 58 yookan immoo Shilingii Keeniyaa miiliyoona jaha akka ramadan Gaazeexxaan Biyyaatti The Star jedhamu gabaaseera.
Miseensoonni jila kana hoggansa adda adda irra kan walitti dhufan yoo ta’u, dawwaannaa isaanii kanan guyyoota lamaaf Mana marii waldalee daladala Itoophiyaatti leenjii ni hordofu jedhameera.
Miseensoonni jila kana leenjii guyyoota lama malee Mana marii bakka bu’oota Ummataa, Wajjiira Oomisha Gabaa Itoophiyaa fi Gamtaa Afriikaa akka daawwatan gaazeexxaan kun gabaaseera.
Hoggantoota Miseensoota jila kanaaf guyyaatti durgoon dolaarii 4,500 ni kaffalamaaf jedhameera. Maallaqni baay’een sagantaa dawwaanna kanaf ramadame kutaa hawaasa adda adda biraa komii kaase jira.
Bakka bu’aan bulchiinsa Sambuura Marlaal Loldeeppii sagantaan dawwaannaa Itoophiyaa kun maallaqa ummataa mancaasu malee bu’aa akka hin qabne dubbataniiru
Balaa hongee biyyaatti mudateen daa’immaan baay’een midhaan nyaatan dhabun bakka barnoota hordofuu dadhabanitti maallaqa hanga kana baay’atu daawwannaaf ramaduun sirri akka hin taane himaniiru.
Hoggantoonni Itoophiyaa daawwacha jiran kunniin wayita gara biyyaatti deebi’an ummata isaan filateef ibsa akka kennan ni taasifamu jedhan
Bulchiinsi Sambuura Naannoolee Keeniyaa balaa hongee miidhaa guddaan itti qaqqabsisaa jiru keessa tokko akka taate himameera.
Miseensoonni gariichaa dawwannaa isaanii Itoophiyaa kanan baasii nyaataaf dolaarii kuma 25 kan ramadan yoo ta’u, dhaabbata isaan daawwachisu tokko wajjiin akka waliigalaniis gaazeexxaan kun gabaaseera.
Jilli hoggantoota 9 qabu kun bajeeni naanniichaaf ragga’ee guyyoota muraasan booda Itoophiyaa dawwaachuun isaanii maallaqa ummata mancaasu akka ta’e qaamoleen hawwsa fi siyaasa adda adda himaniiru.
Hoggantoonni Itoophiyaa dawwaachaa jiran komii isaan irratti dhiyaate ilaalchiisee deebiin kennan hin jiru.