Kampaaniin Masfiin Injinaariin warshaa Konkolaataa Peejoo magaalaa Finfinnee Eebbisiiseera.

Qabeenya Paartii Addaa bilisaa baasaa Ummataa Tigraay kan ta’ee Kampaaniin Masfiin Injinaariingiin warshaa konkolaataa Peejoo lammaaffaa magaalaa Finfinneetti hundeessera.
Kampaaniichi kana dura Itoophiyaatti Ambasaddaar Faransaayii bakka argamanitti Warshaa naannoo Tigraayitti hundeessee eebbisiisun isaa ni yaadatama
warshaan konkolaataa Peejoo magaalaa finfinneetti hundeeffame kun waggaatti konkolattoota Peejoo kuma tokkoo fi dhibba lama akka omishu toori oduu interneeti bulchiinsa mootummaa Waayyaannee deeggaru tokko gabaaseera.
Kampaaniin Masfiin Injinaariin Konkolattoota Omishu Jibuutii fi Sumaliiyaatti gurguruuf akka karoorfate beekameera.
Kampaaniin Masfiin Injinaariin Baankii misooma Itoophiyaa irraa birrii baay’ee liiqefatee sababa adda addaa dhiyeessuun osoo hin deebsne hafuun isaa ni yaadatama
Kampaaniin kun kampanoota Paartii Adda Bilisa Baasaa Ummaata Tigraay Iffart jedhamuun beekamu keessa tokko yoo ta’u, caal- baasii birrii biiliyoonnatti lakkawamuun dhaabbileen mootummaa baasaan fudhachuun fayeedaa addaa akka argatu ni beekama.
Itoophiyaa keessatti warshaa konkolattoota Hooland kaan jedhamu hundeessuun kan beekaman Injinaar Taaddasaa Tasammaa dhiibaa mootummaatiin gara biyyaa alaatti baqachuuf akka dirqaman ni yaadatama