Kampaaniin Atilaas Afriikaan Industiiriis jedhamu Itoophiyaa gadi dhiisee akka bahee beeksiise

Kampaaniin Atilaas Afriikaan Industiiriis jedhamu mootummaan Itoophiyaa seeraan alaa maallaqa Invastimantii dolaarii Miliyoonaa lama waan jalaa dhoorkeef komataa tureera. Kampaaniin kun Warshaa Biiraa Raayyaatiif qaruura biiraa omishaa ture.
Warshaa Biiraa Raayyaa wajjiin hojjachuu erga jalqabee booda, Abbaan Taayitaa Galii fi Gumuruukii Itoophiyaa warshichi taaksii hin kaffalee waan jiruuf hanga kaffaluutti jedhee akka dhorkee beeksiisera.
Hogganttonni kampaaniichaa kaffaltiin gaafatamee warshaa Biiraa Raayyaa kan ilaallatu waan ta’eef murtii kana komataniiru.
kaampaaniichi murtii Abbaan Taayitaa Galii fi Gumuruukii mormuun mootummaa Itoophiyaatti iyyaatus deebii gahaa waan hin arganeef biyyaatti gadi dhiisee akka bahee beeksiisera.
kampaaniichi mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigaluu waa hin danddenyeef maalqni dolaarii miliyoonaa 2 kuma 400 Baankii Misoomaa Itoophiyaa keessa qabu akka jala ittisamee ture himeera. Yaa’ta’u malee maallaqni kun yeroo amma sadarkaa maal irra akka jiru waan jedhame hin jiru.
Kampaanichi yeroo ammaa damee Invastimantii walfakkatuun biyyota Afriikaa biroo keessatti bobba’uuf haala gabaa qorachaa akka jiru Gaazeexaan Deyiilii Neeshiin gabaasera
kampaaniin Afriikaan Industriis jedhamu Itoophiyaa keessatti Invastimantii Dolaarii miliyoonaa 5 dhiyaatu hojiira oolchee ture.
Ji’a tokko duraas kampaanii biyyaa Israa’eel Albuuda barabaaduun beekamu tokko mootummaan Itoophiyaa Waada gale kabajuu hin dandeenyee jedhee biyyaatti gadi dhiisee akka bahe ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa kampaaniiwwan gurguddoon laman sababa maaliitiin biyyaatti gadi dhiisaanii akka bahan hanga ammatti hin beeksifne