Kaleessa maskiida Annuwaaratti kadhannaa booda mormiin taassifame.

Maskiida Annuwaai magaalaa Finfinneetti argamutti jimaata kalleessaa guyyaa sagantaa kadhannaa booda mormiin taassifameera.

Mormii akka tasaa taassifame kan jedhame mormii maskiida Annuwaaritti gaggeefame kanaan musliimootni lakkofsa hedduu qaban dhaadannoo garaagaraa dhageessisaa ooluu isaa ragaan biyyaa arganne ni mul’isa.

Cunqursaan biyyoollesaa haadhaabbatuu fi miseensonni koree haa hiikaman dhaadannoon jedhu namoota hedduu harkatti mul’achuun isaa ibsameera.

Waggoota sadan darbanii kaasee hawaasni musiliimaa mootummaan amantaa keenya keessa seeneera jechuun mormaa turuun isaas beekamadha.

Cunqursaan biyyoollessaa haadhaabbatuu fi miseensonni koree haa hikaman miidhaan lammiilee haadhaabbatu jechuun dhaadannoo hedduu dhagahamuun isaa ibsameera.

Mormii gaggeefameen wal qabatee bakka bu’ootni hawaasa musiliimotaa fi miseensotni koree furmaata barbaadu to’annaa jala oluun isanii kan beekamu yemmuu ta’u, hawaasni musilimaa hidhamtootni hundinuu bilisaan akka hiikaman gaafataniiru.

Ministeerri haqaa miseensoota koree murteen itti keenname keessaa muraasni hikamanis gara namoota 10 kan ta’an hanga ammaatti hidhaa jiraachuu isaanii hubachuun danda’ameera.

Mormii osoo hin eegamin Maskiida Anuwaaritti gaggeefame kanaan hawaasni musiliimaa Namootni hidhamanii jiran hatattamaan akka hiikaman gaafachuu isaanii hubatameera.

Miseensota koree kanneen irratti baayyee isaanii irratti murtee hidhaa waggaa 7 hanga 20tiin adabamuun isaanii beekamadha.