Kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaalun kan hin raggane jedhame.

Kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaallatuun kan hin ragganee fi hojii bulchiinsa qofaf hojiira ooluu akka danda’u mootummaan beeksiseera.
Birood kaastiingiin Itoophiyaa yeroo sadaffaaf kaartaa Itoophiyaa dogongora qabutti fayyadamuu isaa amanun dhiifama gaafachun ni yaadatama.
Dhaabbatichi kaartaa dogongoraatti fayyadamu ilaalachisee oduu dhiifama gaafateen, kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaalun akka hin raggane gabaaseera
Hogganaan Ejensii Hojiiwwaan Kaartaa Itoophiyaa obboo Sulxaan Mahammad gamasantiin, kaartaa yeroo amma hojiirra jiru hojii bulchiinsaf itti fayyadamuun kan danda’amu ta’uus, kaartaa naannooleen hundi irratt waliigalanii ragga’e miti jedhan.
Garafilduraatti Kaartaa naannoolee fi qamooleen mootummaa hundi irratti waliigalan akkasumas karaa ifa ta’een daangaa mul’isuu qopha’ee akka ragga’u himaniiru
Bu’aa Lakkofsa Ummataa fi Manaa ji’a Guraandhalaa gaggeeffamu irratti hunda’uudhan kaartaan daangaa naannoolee ifatti mul’isu gara fulduraatti akka qopheeffamu obboo Sulxaan beeksisaniiru.
Oduu biroon immoo, Televizhiiniin Itoophiyaa gaazexxeessa yeroo sadaffaaf kaartaa Itoophiyaa dogongora qabutti fayyadame irratti tarkaniiffii fudhachusa maddeen oduu gabaasaniiru.
Dhaabbatichi erga hunda’ee waggoota shantamaa ol ta’uus, ragaalee qabachuu irratti rakkoo guddaa waan qabuuf kaartaa biyyaatti dogongora qabu galmee keessa waan hin baasneef dogongora uumaa jira
Dhaabbatich tarkaniiffii fudhachuu kan qabu hoggantoota olaanoo kaartaa dogongoraa kana galmee keessa baasuu didan irratti ta’ee osoo jiru gaazexxeessa adabuun hojjattoota ETV biraa komii kaaseera.
Kaartaa biyyaatti Dogongoraa qabu kana bulchiinsi mootummaa waayyaannee ergama dhokataa qabuuf itti fayyadamuuf kan qopheesse yoo ta’u, amma garuu qaama mootummaa dhimmichi ilaalun hin raggane jechun shakkii biraa uumeera.