Jirattoonni saba Amaaraa naannoo Beenishanguul Gumuuz Aanaa Bulaan jiirataan miidhaa guddaan irra gahaa akka jiru beeksiisan.

Jiraattoonni saba Amaaraa Aanaa Bulaan jiirataan maqaa meeshaa waaraanaa naanneesituu jedhuun miidhaa guddaan irra gahaa akka jiru beeksiisaniiru
Sabni Amaaraa naannoo Beenishanguul Gumuuz jiiratan yeroo adda addaa loltoota mootummaatiin miidhaan irra gaha tureera. Sababa kanan jiirattoonni saba Amaaraa baay’een mana jireenyaa isaaniitti baqachuuf dirqamaniiru.
Keessaattuu bara 2005 jalqabee miidhaan hidhaa, reebichaa fi mana jireenyaa isaanii gadi dhiisaanii baqachuu waan itti hammateef paartii naannoo Amaaraa bulchuutti iyyaataniis deebii argachuu akka hin dandeenye himaniiru.
Hoggansi naannoo Amaaraa gaaffii isaaniif deebii ittuu hinkennin,
saba Tigiraay warra nannonoo Amaara jiraatan irra miidhaan gahee jechuun dhiifama gaafachuun akka filate jiirattoonni yaadataniiru. Jiraattoota saba Tigraay deeggarsi maallaqaa akka taasifameef kan yaadatamudha.
Jiraattoonni saba Amaaraa Aanaa Bulaan gandoota Alambaar Baqujinnaa fi Ciiraanqoo jiirataan tibbaana miidhaa guddaan irra gaha akka jiru ESATtti himaniiru.
Akka Jiirattoonni jedhaniiti miidhaa kana qaqqabsiisaa kan jiran hoggantoota gandaa fi Aanaa akkasumas miliishoota naannootti. Qaamoolee kanaaf immoo ajaajin hoggansa naannoo Beenishanguul Gumuuz irra akka kennamuuf beeksissaniiru
Gandoota naannoo Amaaraa fi Beenishanguul Gumuuz itti wal dangeessanniiti tasgabbiin hin jiru jedhaniiru. Keessattu naannoo Pirojektii warshaan shukkaaraa Xaanaa Balaasiitti rakkoo nageenyaa hamaan akka jiru jiirattoonni dubbataniiru
Naannoo kanaatti qaamooleen humnoota bilisummaa ofiin jedhaan mootummaa wajjiin qabsoo jalqabaniiru. Pirizidaantiin Naannoo Amaaraa obboo Gadduu Andargaachoo rakkoo tasgabbii furuuf hoggansi naannichaa walitti qabuun nageenya naanniicha akka to’aatan ajaaja dabarsuu isaanii jiirattoonni naannichaa beeksiisaniiru.