Jirattoonni Magaloota Oromiyaa adda addaa hiriira nagaa bahun mootummaa sirna bittaa itoophiyaa balaleeffatan

Jiratoonni magaala Amboo, Shaashamannee, Walisoo Dambdolloo, Adaabbaa, Kofalee, akkasumas magaaloota Godinaalee Hararagee lamanii kumataman lakkawaman hiriira nagaa bahun gocha gita bittaa gabrummaa waayyaannee mormaniiru.
Jiratoonni magaala Seena -qabeetti Amboo kuma hedduu ta’an dhadannoo hidhamtoonni Siyaasa Dr Maraaraa Guddinaa, Baqqalaa Garbaa, Addisuu Bullaallaa, Dajanee Xaafaa fi kan biroo yaa gadhiifaman, fi Mirgi Abbaa Biyyummaa Oromoo yaa kabajamu jedhun dhageesisaa turan.
Akkasumas Ajjeechaan Ummata Oromoo irratti raawwatamu fi qe’eera buqqisuun yaa dhaabbatu, Warshaan bishaan Amboo hin buqqa’uu jedhanii dhaachuun isaanii gabaasameera.
Hiriiri nagaa jirattoota magaala Amboo nagaan jaqabamee nagaan akka xumuramuuf aantummaan fi gahee Miseensoonni Pooliisii Oromiyaa gumaachan dinqisifameera.
Jiratoonni Magaala Shaashamannee kuma heddu gocha mootummaan waayyaannee ummata oromoo irran gahaa jiru hiriira nagaa bahuun mormaniiru.
Loltoonni mootummaa akkuma kana dura hunda gara jabeenyaan jiratoota magaala Shaashamannee hiriira nagaa bahan irratti dhukaasa banuun namoota baay’ee miidhaniiru
Loltoonni mootummaa jirattoota magaala shaashamannee hiriira nagaa bahan irratti dhukaasa banuun namoonni namoota saddeetii wayita ajjeessan namoonni 30 ol miidhaniiru.
Hiriira nagaa jiratoota magaala Shaashamannee kanan daandii Hawaasaa gara Finfinnee, Shaashamannee gara Baalee, Arbamincii fi Wandoo Gannaat geessu hundi cufamee akka ture himameera.
Bifuma walfakkatuun, Jirattoonni magaloota Godinalee Harargee laman baay’een hiriira bahun gocha mootummaa waayyaannee waayyaannee balaleeffataniiru.
Godina Harargee Lixaaa aanaa Bookeetti hiriira nagaa geggeffameen irratti loltoonni mootummaa dhukaasa banuun lubbuun namoota sadii akka gaalafatan himameera.Namoonni sadii immoo akka mada’aan himameera
Pooliisiin Oromiyaa miseensoonni Raayyaa Ittisa biyaa fi Pooliisii Federaalaa namoota hiriira nagaa bahan irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota galafatanii fi miidha qaqqabsisan to’aannoo jala oolchuusa gabaafameera
Godina Boraanaa Aanaa Dirreetti loltoonni Agaazii gaafa guyyaa kibxataa namoota shan ajjeessuun 20ol immoo akka madeessan gabaafameera.
Pooliisiin aaniichaa Konkolattoota baay’ee meeshaa waraanaa adda addaa Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaaleef geessuuf fe’aanii deemaan sakkata’uuf wayita dhaabu ummanni immoo gargaaruuf akka birmate himameera.
Haaluma kanan loltoonni Agaazii dabalatan dhufan ummata irratti dhukaasa banuun namoota shani waan ajjeessaniif magaala Meeggaa fi Yaabeelloo keessatti mormiin guddaan akka jalqabame ragaaleen mul’isaniiru
Hiriira nagaa Magaloota fi Gandoota Oromiyaa keessatti yeroo amma gaggeeffama jiran baay’een rakkoo tokko malee kara nagaan akka xumuramuu miseensoonni Pooliisii Oromiyaa Ummata wajjiin qindominaan hojjacha jiru
Miseensoonni Pooliisii Oromiyaa ayyaani irreechaa nagaan akka xumuramu akkasumas hiriiri nagaa magaloota Oromiyaa gara gara keessatti gaggeeffame nagaan akka xumramuf gahee gudda gumaachaniif galateefatamaniiru.
Tikoonni Mootummaa waayyaannee, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Pooliisiin Federaalaa akka duri ummata Oromoo addaan qoodaanii saamuu waan dadhabaniif Oromiyaa dirree jeequmsa gochuuf guyyaa fi halkan winxirfachaa akka jiran himameera