Jirattoonni magaala Boqqojjii Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Dhabanii Rakkachaa akka jiran himan

Godina Arsiitti Jirattoonni madda Atiletoota beekamo magaalan Boqqojjii Bishaan dhugaatii qulqulluu guutumatti dhabuun rakkachaa akka jiran himan
Sarari Ujummoo Bishaan dhugaatii durii jalqabee jirattoota magaalaa Boqqojjiif bishaan dhugaatii dhiyeessaa ture duuloomee tajaajila kennu erga dhaabee akka ture jirattoonni dubbataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Boqqojjii fi Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa magaalaatti rakkoo bishaan dhugaatii jirattoota furuuf yaaliin gochaa akka hin jire himaniiru
Jireenyi jiraachaa jiraan jiruu akka hin jedhamnee fi maqaaf Ujummoo Bishaanii dallaa isaanii keessa akka jiru jiraattoonni himaniiru
Jiraataan Magaalaa Boqqojjii yeroo ammaa bishaan dhugaatii maallaqaa isaan argachuu akka hin dandeenye Jiraatan magaalaatti maqaan isaanii akka dhayamu hin barbaannee tokko dubbataniiru
Madda Atiletoota beekamo kan taate magaalaan Boqqojjii hanga maqaan ishee Addunyaa irratti beekame gama bu’uuralee misoomaan ammas akkuma duubaatti hafteett jirti