Jiraattonni Magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuun rakkachaa jiru.

Jiraattoonni magaalaa Burraayyuu bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu waan hin dandenyeef bishaan boollaa fi lagaa qulqullina hin qabne dhuguuf akka dirqaman himaniiru.
Dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu waan hin jireef bishaan lagaa fi boollatti fayyadamun rakkoo fayyaaf akka isaan saaxile jiraattoonni magaalaatti dubbataniiru.
Pirojektiin bishaan dhugaatii Sagantaa WaSH jedhamun jalqabame rakkoo jiraattoota ni fura jedhame kan abdatame ta’uus, hordoffii fi to’aannoo gahaan waan hin taasifamneef xumuramu hin dandeenye jedhameera.
Rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef yeroo amma bishaa qulqulluu torbaniitti yaakan torbe lamaatti yeroo tokko akka argatan jirattoonni himaniiru.
Jiraattoonni magaalaatti mirga bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu kan qaban ta’uus, filannoo waan hin qabneef bishaan boolla fi lagaa beelladoota wajjiin dhuguuf akka dirqaman himaniiru.
Kantiboonni yeroo gara garaa magaalaatiif ramadam rakkoo bishaan dhugaatii jiraattoonni furmaannii hatattamaa akka isaaniif kennamu gaafatan furu irra daandii cirrachaa kiiloomeetira tokko hojjachuun galtee miidiyaaf itti fayyadamuu filatu jedhaniiru.
Kana malees Kantiboonni magaalaattiif mudaman komii jiraattoota dhageeffachuu irra abbooti qabeenya wajjiin lafa daldaluu irratti akka xiyyeeffatan jiraattoonni dubbataniiru.
Sarari ujjummoo bishaan dhugaatii qulqulluu jiraattoota magaala Finfinneef tajaajilu wadhakaa magaalaatti qaxxamuree osoo darbu jiraattoonni magaalaatti garuu hoggaansa isaaniif yaadu dhabuun bishaan bira ta’aanii dheebochaa jiru
Itti gaafatamaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’oo magaalaa Burrayyuu obbo Fayisaa Bantii, komiin ummataa sirri akka ta’e dubbataniiru.
Rakkoo bishaan dhugaatii jiraattoota kana furuuf bollawwan bishaanii lama magaalittii keessaa bahuun jiraattoota magaalaa Finfinneef tajaajila kennan gara magaala Burraayyuutti deebisuuf yaalama akka jiru himaniiru.