Jiraattonni Gandoota Oromiyaa daangaarra jiran weerartoota miseensota Liyyuu Poolisii Sumaalee irratti injifannoo boonsaa gonfatan.

Miseensonni Liyyuu Poolisii Sumaalee Mootummaa federaalaan deggaramanii gandoota Oromiyaa daangaa naannolee lamaanirra jiran humnaan to’achuuf weeraara jalqaban itti fufaniiru.

Liyyuu Poolisiin Sumaalee mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Mi’eessoo irratti boombii darbachuun barattoota sadii akka miidhaniis gabaafameera.

Balaa Boombii kana booda miseensonni liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee gandoota aanaa Mi’eessoo humnaan qabachuuf dhukaasa bananiiru.

Weerara gaafa roobii magaalaa Mi’eessoo fi gandoota naannoo magaalattii jiran humnaan to’achuuf taassifame kana gootonni horsiisee bultoota Oromoo haala nama dinqisiisuun ofirraa qolachuun daangaa isaanii kabachifataniiru.

Qabsoo daangaa Oromiyaa weerara liyyuu poolisii Sumaalee irraa ittisuuf taassifameen horsiisee bultoota Oromiyaarra miidhaan kan gahe yoo ta’u, miseensota liyyuu Poolisii baay’een miidhamaniiru.

Miseensonni Raayyaa ittisa Biyyaa Poolisoota Oromiyaa meeshaa waraanaa hiikkachiisuun reebaa akka turan himameera.
Raayyaan ittisa biyyaa liyyuu poolisii Sumaalee deggeruun horsiisee bultoota oromiyaa weerara kana ofirraa qolachaa turanis reebaa akka ture jiraattonni himaniiru.

Bifuma walfakkaatuun, Liyyuu Poolisiin Sumaalee godina Booranaa Magaalaa Moyaaleetti gaafa kamisaa ganama barii irraa jaqabdee daangaa Oromiyaa ce’uun ganda Caamuk jedhamtu humnaan to’achuuf dhukaasa banuushee dhaga’ameera.

Mootummaan naannoo Somaalee ganda Caamuk seenuun ijaarsa seeraan alaa ijaaraa akka ture himameera.

Liyyuu poolisiin Sumaalees akkuma barame alaabaa Naannoo Oromiyaa buusuun alaabaa naannoo Sumaalee fannisuun dhukaasa jalqabaniiru.

Jiraattonni Godina Booranaa tarkaanfii ofirraa ittisuu fudhataniin Poolisoota Liyyuu Sumaalee baay’ee ajjeesuun daangaa isaanii bifa boonsaa ta’een kabachisaniiru.

Jiraattonni Godina Booranaa ijaarsa seeraan alaa mootummaan naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa ce’uun ganda caamuk keessatti ijaaraa tures ibiddaan barbadeessaniiru.
Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee gandoota daangaa Oromiyaa godinaalee adda addaa weeraruu itti fufuun gaafa guyyaa kamisaa Godina Baalee aanaa Raayituutti gandoota 2 irratti tarkaanfii fudhattee jirti.
Jiraattonni Aanaa Raayituus akkuma obboleewwan isaanii godinaalee biroo abjuun daangaa babal’ifachuu Liyyuu Poolisii Sumaalee yoomuu akka hin milkoofne injifannoo boonsaa galmeessisuun itti agarsisaniiru.

Weerara daangaa babal’ifachuu Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee godinaalee Oromiyaa Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee fi Booranatti taassifameen gama oromiyaatiin lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaan gaheera.

Jiraattonni Gandoota daangaa Oromiyaa meeshaa waraanaa gahaa malee tarkaanfii kaayyoo daangaa babal’ifannaa Liyyuu Poolisii Sumaalee ofirraa qolachuuf fudhataniin miseensota Liyyuu Poolisii baay’ee ajjeesaniiru.