Ji’oota kurnaan darbee qofa lammiilee Itoophiyaa kuma 90 dhiyaatan gara Yamaniitti akka baqatan komishiniin Koluugaltoota Mootummoota Gamtoomanii beeksiise.

Yaman waraanaa keessa waan jirtuuf haali nageenya lammiilee Itophiyaa gara biyyaatti baqataan akka isaa yaaddesse dhaabbatich beeksissera. Bara darbees yeroo wal fakkatuutti lammileen Itoophiyaa kuma 70 caalaan gara Yamanatti baqatanii akka turee dhaabbatich beeksiisera.
Yeroo waraanni biyyaatti furmaata hin arganneetti lammiileen Itoophiyaa Kumatamaatti lakkawaaman baqachaa akka jiran dhaabbatich himeera. Bifuma walfakkattun ji’oota 10 darban lammiilee Sumaliiyaa kuma17 gara Yamanitti akka baqatan Aljaziiraan dhaabbaticha waabeffachuun gabaaseera.
Lammiileen biyyoota lamanii gara biyyaa Yaman waraanaan unkuramaa jirtuutti baqachuun isaanii rakkoo hamaa gaanfaa Afriikaa jiru kan mul’isu akka ta’e qondaltoonni dhaabbatichaa dubbataniiru.
lammiileen gara yamanitti baqatan kunniin sarbamuu mirga namoomaa fi darara adda addaaf akka saaxilaman qamooleen gara gara beeksiisaniiru.
Dhaabbileen addunyaa rakkoo baqattoota furuuf yaalaniis lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gara yamanitti baqatanii xiqqachuu waan dandeenyeef yaadeessa akka ta’ee himameera.
Haali Yaman keessa jirtu tasgaba’aa waan hin taaneef yeroo ammaa miidhaa lammiileen Itoophiyaa fi Sumaliiyaa irra gahe beekuun akka hin danda’amne dhaabbatich beeksiisera
Namoonni baay’een gara yamanii fi biyyoota birootti wayita baqatan du’aa akka jiran himameera. Ji’aa dabee qofa lammiilee Itoophiyaa dirqisifamanii Yamanii gara Jibuutii ergaman 70 keessa 20 ol akka du’an ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa namoonni gara biyyoota adda addaatti akka hin baqaneef naannoo daangaa irratti to’aannoo cimsuus lakkofsi dargaggoota baqatanii xiqqachuu hin dandeenye.
Lammiileen Itoophiyaa Baay’een gara biyyota olaatti baqachaa akka jiran dhaabbileen waa’ee dhimma baqattoota irratti hojjatan beeksiisaniiru
Lammileen Itoophiyaa dhibbatamatti lakkawaman osoo baqachaa jiran qabamanii Maalaawii, Tanzaniiyaa fi biyyota Afriikaa Kibbaa biroo keessatti hidhamanii akka jiran ni beekama.