Ji’a Bitooteessaa kana keessa roobni kan hin roobne yoo ta’e lakkofsi namoota gargaarsa barbaadanii dabaluu akka danda’au himameera.

Itoophiyaa keessatti naannoolee hongeedhaaf saaxilamanitti ji’a bitooteessaa keessa roobni kan hin roobne yoo ta’e lakkofsi namoota garagaarsa barbaadanii dabaluu akka danda’au himameera.
Namoota miiliyoona 5.6 sababaa balaa hongeetiin gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilaman hanga ammaatti gargaarsi kennamaaf jira jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa fi dhaabbileen mit- mootummaa hojii gargaarsa hawaasummaa irratti bobba’an Lammiilee gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaaf saaxilaman gargaaruuf haawasa addunyaaf waamicha dhiyeessanii akka ture ni yaadatama.
Waamicha kanaa booda garuu deebiin argame gahaa akka hin taane qondaaltonni Mootummaa Itoophiyaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.
Waamicha gargaarsa kanaaf biyyoota akka Amerikaa, Kaanaadaa fi Swiidiinii deebii kennanii ala hanga barbaadameen gargaarsa argachuu akka hin dandeenye qondaaltoonni Itoophiyaa beeksiisaniiru
Haala kanaan dura hin baratamneen naannooleen gargaarsa walii kennaa akka jiran himameera. Gargaarsi naannoolee walii kennan malee biyyoota arjoomtota irra gargaarsi dabalataa akka eeggamu himameera
Oduu biraatiin immoo naannoo soomaalee aanaalee adda addaa keessatti hongee wajjiin walqabatee weerarri dhibee garaa kaasaa akka mudate himameera.
Ministeerrii Eggumsa Fayyaa weerara dhukkuba garaa kaasaa kana to’aachuuf garagaarsa waldhaansaa gochaa jira jedhameera.
Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii gabaasa tibbana baaseen Itoophiyaa dabalatee Soomaliyaa, Suudaan Kibbaa fi Keeniyaatti lammiileen miiliyoona 20 balaa beelaaf akka saaxilaman beeksisuun ni yaadatama.