Itti-Aanaa hogganaan Itiyoo Teeleekoom malanmaltummaan shakkamanii hidhaman

Ittii-Aanaa hogganaa Itiyoo Teeleekoomii fi kampanichaatti hogganaan Sorsiniigii fi Faasiliitii Obboo Abrahaam Gowaddee malanmaltummaan shakkamuun qabamanii mana murtiitti dhiyaataniiru.
Obboo Abrhaam hogganaa Karraayyuu Tuur enda Tiraaviil wajjiin waliigaltee Itiyoo Teeleekoomiin ala Konkolattoota akka lakkaofsa warra faranjoota bara 2000 fi achi booda omishaman kiraadhaan Itiyoo Teelee koomiif dhiyeessuu osoo qaban konkolattoota bara 2000 dura omishaman kampaniichaaf akka kireeffatani himameera.
Dhaabbata konkolattoonni bara itti omishaman qoratu wajjiin waliigaluun bu’aan qorannoo konkolattootaa akka darbu gochuun mootummaa irra kisaaraan geesissaniiru jechuun gochaa malanmaltummaan shakkamanii to’aanno jala olan .
Haala kanan Itiyoo Teeleekoom konkolattoota 67 akka kireefate himameera. Garuu kisaaraan sababa kanan mootummaa irra gahee hangam akka ta’e hin himamne.
Shakkaman kun mana murtii federaalaa dhadacha lammaffaa Lidataatti akka dhiyaatan himameera. Manni murtichaas mirgi wabii isaanii yaa eggamu moo hin eggamu dhimma jedhu ilaalchisee murtii kennuuf wixataa dhufutti beellameera.
Mootummaan Itoophiyaa gocha malanmaltummaa fi kiraa sabsabdummaa akka aadaatti qondaltoota mootummaa biraatti ilaalama dhufee irratti tarkaniiffii fudhachaan jira jedhee ummata gowwomsuuf namoota hidhuu jalqabeera.
Ministirrii Muummee Obboo Hayilamariyaam Kabinoota isaanii maallaqa ummataa saamuun duroomaan irratti tarkaniiffii fudhachurra aangoo tokkorra kaasuun kan biraa irratti muuduun filataniiru.
Mormii Ummataa wajjiin walqabatee haromsa gadi fageenya gaggeessa jira kan jedhuu paartiin isaanii hoggansa gadii-aanaa fi giddugaleessa irratti tarkaniiffii wayita fudhatamuu hoggansa olaannoo callisee ilaalu filateera
Hoggansi olaanoo malanmaltummaan kan hin gaafatamneef ragaan waan hin jireef akka ta’e Obbo Hayilamariyaam tibbana ibsa gaazeexxestoota kenan himiin isaanii ni yaadatama.