Itopphiyaa keeysatti Balaan Tiraafiqaa harka dhibbarraa kudha tokko dabaltaa jiraachuun barame.

Namooni baatiilee saglan barbe balaa konkolaataatiin ajjeefaman kan bara dabreetiin waliin yoggaa madaalamu 11% dabalamuun namoonni 5000 tti herregaman miidhhaa cimtuuf saaxilamuu itti gaafatamaan nagaya tiraafiqaa obboo simee balaay beeysisan.

Ajjeechaa lubbuu namarra geessee fii qabeeny miliyoona 569 baatiilee saglan tana keessa waan dhabamaniif jecha haalli tiraafiqa biyyattii hedduu akka yaaddessaa tahe obboo sammuun ibsan.

Heddomminii konkolaatota biyyaa heddommina lammii biyyatii waliin yo walitti laalan hedduu xiqqaa tahuus balaan konkolaata biyyoota addunyaa keessaa sadrkaa oli aanaa irra akka jirtu jaarmayni nagaya biyya adunyaa ibseeti jira.
Haalli balaa tiraafiqaa kun yo hin wayyoone tahe lubbuun jirattotaa 5000 amatatti akka ajjeefamuuf jiraattu miidiyaaleen biyyaa ibsaati jiran.