Itophiyaan Biyyoota Interneetii To’aataniifi Ukkamsan keessaa tokka akka taate dhaabbanni mirga nammooma tokko beeksiise

Dhaabbanni mirgaa nammooma Firidaam Haawuus jedhamuu qorannoo qorateen Itoophiyaan biyyoota Addaunyaa Interneetii to’aataniifii ukkamsan jaha keessa tokka akka taate beeksiiseera. Toora Interneetiitiin odeeffannoo wal jijjiruu irratti gufuu guddaa akka ta’ees dhaabbatichi gabaasera
Biyyoonni akka Chaayiinaa, Sooriyaa, Iraan,Itoophiyaa ,Uzbeekistaan fi Kuubaan teekneloojii Interneetii Ukkamsuun sadarkaa jalqaba irra jiru.
Kaampaaniin Tekenoloojii teessoon isaa biyyaa Xaaliyaanii ta’e tokko dhiyeenya akka beeksiisetti, mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii ergaa toora interneetiin darban basaasuuf isa gargaaru doolara miliyoona hedduun bitaa akka turee gabasun isaa ni yaadatama.
Haala itti fayyadamaa fi tajaajila interneetii irratti qorannoo kan gaggeesse dhaabbanni Firidaam Haawuus bara farnjoota 2015 mootummonni biyyoota addaa adda gochaa ukkamsuu dhaabbilee hawaasummaa cimsanii itti fufan jedheera
Biyyoota itti fayyadama interneetii ni to’aatuu jedhaman keessa adda duree kan taate Itoophiyaan, bara darbee labsii itti fayyadama interneetii qopheessuun ishee ni yaadatama. Akkataa labsii kanaatiin nomoonni maxxansaa, bareeffamma fi yaada jeequmsa kakasu maxxansan hanga waggaa shaniitiin ni adabsiisa.
Dhaabbileen mirga namoomaa Addunyaa labsiin itti fayyadama interneetii mootummaan Itoophiyaa labse kun wal jijjiruu odeeffannoo ukkamsuuf kan qopha’ee jechuun ni balaleeffatu.
Istooniyaa , Ayisilaand fi Kaanadaan biyyoota addunyaa irratti tajaajila Interneetii lammileef karaa bilisa ta’een akka argatn gochuun sadarkaa 1ffaahanga 3 ffaa irra jiru.
Amerkaan immoo bilisummaa namoota dhuunfaa eeguun sadarkaa Afiraffaa irra jirti.
Itoophiyaatti, erga labsii hatattaama labsamee booda tajaajilli interneetii gutumatti sadarkaa nama jechisiisuu danda’uun cufamee akka jiru ni beekama.