Itoophiyaatti dhaabbileen mirga namoomaa irratti hojjatan balaa diigamuuf saaxilamuu isaanii himameera.

Itoophiyaatti filannoo biyyaaleessaa bara 1997 dura dhaabbiileen mirga namoomaa irratti hojjatan 100ti dhiyaatan akka turan ragaaleen ni mul’isu.
Yeroo amma garuu sababa adda addaan lakkofsi dhaabbilee mirgaa namoomaa irratti hojjatanii shan akka hin caalee himameera.
Bara Mootummaa Ce’uumsa irraa jalqabee hanga filannoo 97tti dhaabbileen mit-mootummaa mirgaa namoomaa fi dimokiraasii irratti hojjatan dhibbaatti lakkawaman akka turan qorannoo tibbaana mariif dhiyaate tokko mul’iseera.
Mootummaan hojii dhaabbilee kanniin dangeessuuf qajeelfama dhaabbilee mit-mootummaa fi waldaalee erga qopheesse booda dhaabbiileen kunniin laafaa dhufun yeroo amma gutumaatti sadarkaa baduu irra gahaniiru.
Mootummaan labsii Dhaabbiilee mit-mootummaa fi weldable akka labsuuf kan dirqamsiise filannoo biyyaaleessa 1997 akka ta’e ogeessi seeraa Obboo Dabbaabaa Hayilagabri’eel qorannoo dhiyeesaniin himamaniiru.
Filannoo 97 booda dhimma mirga namoomaa irratti hojjachuun mootummaa biraatti akka hojii siyaasaatti waan ilaalamuuf ka’uumsa rakkoo hunda ta’usa kan ibse qorannoon kun ,
Bakka Waldaalee Siiviki, Paartiilee Siyaasaa fi Miidiyaaleen bilisaa hin jiretti waa’ee sirna dimokiraasii cimaa dubbachuu hin dandeenyu jedheera.
Filannoo 1997 dura dhaabbiileen mirga namoomaa fi dimokiraasii irratti hojjatan Filannoo, dhimmoota imammaata fi mirga namoomaa ilaalchisuun ka’uumsaa fi baasii oftiin ummataa barsiisaa akka turan qorannoon kun yemmuu mulisu,
Dhaabbileen kunniin Pooliisoota, abbootii Alangaa fi Abbootii Seeraaf leenjii kenna akka turaniis yaadachiseera.
Amma garuu dhaabbilee akkasii barbadaanii argachuun akka hin danda’amne beeksisaaniiru
Hojiin mirga namoomaa daldala bu’aa argamsiisu waan hin taaneef madda maallaqaa dhaabbilee kanniin dangeessuun sirri miti jedhaniiru.
Labsiin dhaabbilee Mit-Mootummaa fi Waldaalee erga labsame jalqabee wagga waggaan dhaabbilee baay’een cufamaa akka jiran himaniiru.
Biyyaatti keessa yeroo ammaa dhaabbilee tola oltummaa irratti bobba’aan dabalatee kumni 3 fi 185 akka jiran himameera.
Filannoo biyyaaleessa 1997 dura dhaabbileen kuma 4 fi 700ti dhiyaatan akka turan ragaaleen ni mul’isu