Itoophiyaan Ji’ootan sadeen darban sharafa daldala alaa irraa argachuuf karoorfate keessaa dolaariin miliyoona 300 ol hanqachuusa beekameera

Itoophiyaan ji’oota sadeen darban daldala biyyaa alaa irra sharafa dolaarii biliyoonaa tokko argachuuf karoorfamee keessa kan argamee naannoo dolaaraa miliyoona dhibbaa 600 fi milyoonaa 40 qofa akka ta’e Ministeerri Daldalaa biyyattii Beeksiise

Hanqina Qulqullina omishaa fi omishaaleen qonnaa fi biroo harka dhiyeestoota fi daldaltoota gara biyyaa alaatti ergan jiru gabaaf waan hin dhiyaanneef karoori kun akka hin milkoofneef sababa ta’u ministeerich beeksiiseera.

Yaa ta’u malee, dhiyeestoonni fi daldaltoonni omishaalee gara gabaa biyyoota alaatti ergan sababa maaliin akka dhiyeessuu hin dandeenyee waan ibsame hin jiru.
Galiin kun hanga karoorfameen argamuu dhiisuun sharafa biyyaa alaa irratti rakkoo fiduu akka danda’us tilmaameera.
Mormiin ummataa waggaa tokkoon dura naannoo Oromiyaa fi dhiyeenya kana immoo naannoo Amaaraatti jalqabame daldala alaa irratti miidhaa akka qaqqabsiisee qamooleen adda adda beeksiisa turaniiru
Bara darbee yeroo walfakkataatti mootummaa daldala alaa irra sharafa dolaarii naannoo biliyoonaa shanii argachuuf karoorfatee turee. kana keessaa argachuu kan danda’ee dolaarii biliyoonaa sadii qofa akka ta’e ragaan Ministeera Daldalaa ni mul’isaa
Bifuma walfakkatuun bara kanas sharafaa biyyaa alaa walffaktuu argachuuf karoorfatee turee. Biyyaa keessatti tasgabbiin waan dhabameef abbootiin qabeenya soodachuun galiin kun akka hir’atuu tasiisuusa ogeessoonni diingdee beeksiisaniiru
Ministeerri daldala gama isaatiin rakkoo daldala alaa irraa sharafa akka hin arganeef gufuu itti ta’ee kana furuuf akka tattaafatu beeksiiseera.

Kun yemmuu Kanaan jiruu,dhaabbiilee Mootummoota Gamtoomanii Teessoon isaanii Magaala Finfinnee ta’ee qoqqobiin mootummaa tajaajila interneetii irraa ka’ee hojiisaanii irraatti rakkoo qaqqabsiisa akka jiru beeksiisan.

Dhaabbileen Lammiilee miliyoonaatti lakkawamaniif gargarsaa nyaataa hatattaama dhiyeessaaa jiran qamoolee biraa wajjiin yaada wal jijjiruu akka hin dandeenyee toori oduu Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii beeksiisera.
Labsii hatattaama erga labsamee booda tajaajil interneetii gutumaatti akka cufame kan dubbatan dhaabbileen mootummoota gamtoomanii kunniin, karoori sangantaa haaraa jalqabuuf karoorofatan akka harkifatuuf sababa ta’eera jedhan.
Hoggantoonni dhaabbilee kanniin maqaan isaanii akka hin dhahamnee barbaadan, bilbilaa fi Imeeliidhaan ergaa walii dabarsuu hin dandeenye. Kun immoo hojii hojjatamaa jiru to’aachuu fi hordofuu akka isaan rakkise beeksisaniiru.
Hjiin t’aannoo fi hordoffiin hin taasfamneef iftoomina waan hn qabneef bajeeta haaraa ramaduun akka hin yaaddamnes dubbataniiru
Dhaabbileen baay’ee hojii dhiyeessa gargarsaa irratti bobba’aanii argaman toora weebsaayiitii isaanii to’aachuu waan hindandenyeef hojii isaanii irratti rakkoo akka fide mootummaatti Itoophiyaatti himaniiru
Imbaasii Ameriikaa dabalatee bakka bu’oonni biyyoota gara gara hojii isaanii haalaan hojjachuu akka hin dandeenye mootummaaf komii dhiyyeessaniiru.
Gyyoota muraasaan duraa gabaasa qorannoo tajaajila interneetii irraatti waggaa tokkoof qorate kan dhiyeessee dhaabbanni Firidaam Haawuus jedhamu Itoophiyaan biyyoota tajaajila interneetii irratti to’aannoo fi Ukkamsaa cima tasiisaan keessa adda duree akka taate beeksiisuun isaa ni yaadatama.