Itoophiyaan hidhattoota 13 hidha Haaromsaa irratti haleellaa raawwachuuf karoorfatan ittiin jedhe dhiyeenya magaalaa Asoosaatti akka ajjeese beeksise.

Hidhattoota 13 hidha haaromsaa irratti haleellaa raawwachuuf karoorfatanii socha’aa jiran naannoo magaalaa Asoosaa dhiyeenya pirojektii hidha haaromsaatti looltoota mootummaan akka barbaada’an Itti-Aanaa hogganaan waajjira dhimmoota komunikeshinii Itoophiyaa Obbo Zaadig Abrahaa beeksisaniiru.

Walitti bu’iinsi looltoota Mootummaa fi Hidhattoota naannoo Beenishanguul Gumuz kun dhiyeenya pirojektii hidha haaromsaatti akka ta’e dubbataniiru.

Naannoon Pirojektii hidha haaromsaa kun Geejjiba lafaa fi qilleensaatiin qaama eyyamameef malee gahuun dhorkaadha jedhameera.

Tarkaanifii fudhatameen namoonni 13 wayituma sanattti yoo ajjeefaman torba immoo gara Sudaaniitti dheessuu isaanii himaniiru.

Mootummaan Sudaan hidhattoota kanniin qabee mootummaa Itoophiyaaf dabarsee akka kenne obbo Zaadig dubbataniiru.

Yeroo ammaa kanas hidhattoonni torban to’annoo mootummaa Itoophiyaa jala akka jiran obbo Zaadig himaniiru.
Hidhattoota kanniin Mootummaa Eritiraatu leenjisee gargaarsa Loojistikii dhiyeesseefii gara daangaa Sudaaniitiin Itoophiyaatti erge jechuun Mootummaan Itoophiyaa akkuma barame komateera.

Komii Mootummaan Itoophiyaa Ertiraa irratti dhiyeesse kun hiika kan hin qabnee fi ergaa biraa dabarsuuf kan kaayyeffame akka ta’e Ministeerri Beeksisaa Ertiraa Yamaanaa Gabramasqal deebii Tiwutariin kennan waabeffachuun Bilumbarg gabaaseera.

Sudaan Kibbaatti Tasgabbiin dhabamuun biyyoota Ertiraa, Sudaan, Itoophiyaa fi sudaan Kibbaa gidduutti boora’iinsa nageenyaa fideera.

Hidhattoonni kunniin meeshaa waaraanaa dhowan, rookeetii , meeshaa waaraanaa harkaa salphaa ta’an akka of harkaa qaban gabaasni biyya keessaa argame ni mul’isa.

Hidhattoonni kunniin pirojektii hidha haaromsaa irratti balaa qaqqabsiisuuf kan karoorfatan jedhameera.