Itoophiyaan bara bajeeta 2009 Misooma Indistirii huccuu irraa galii sharafa alaa karoora gadi akka argate himameera.

Mootummaan Itoophiyaa bara bajeeta 2009 misooma Indistirii Huccuu irraa sharafa biyyaa alaa dolaarii miiliyoona dhibbaa lamaa fi miiliyoona 71 argachuuf karoorfate hojjachaa akka ture himameera.
Yaa ta’u malee, galiin sharafa alaa damee misooma indistirii huccuu irraa argame karoora gadi dolaarii miiliyoona 89.3 akka ta’e himameera.
Galiin sharafa alaa damee kanarra argame karoora bara bajeeta ni argama jedhamee karoorfame keessa dhibbeenttaa 32.9 qofa akka ta’es gabaafameera.
Galii sharafa alaa oomishaalee huccuu gara biyyoota alaatti erguun argame keessa dolaariin miiliyoonni 25.9 abbootii qabeenyaa biyya keessaarraa kan argame jedhameera.
Perizedaantiin Waldaa Oomishtoota Huccuu Ityoophiyaa obbo Faasikaa Taaddasaa bara 2009 daladala huccuu irraa galiin dolaarii miiliyoona 64 akka argame dubbataniiru
Galiin bara kana keessa argame kan bara darbee wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu baay’ee xiqqaa akka ta’e himaniiru.
Ministeerri Daldalaa gamasatiin, gabaasa waldaan oomishitoota Huccuu Itoophiyaa dhiyeesse akka hin fudhanne beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa misoomni indistirii huccuu dameewwaan diinagdee sharafa biyyaa alaa argamsisaan keessaa adda duree akka ta’e yeroo adda adda hima tureera.
Garuu karoorri galiin sharafa alaa Oomishaalee huccuu gara biyyoota alaatti ergun ni argama jedhamee wagga waggaan karoorfamu fi bu’aan argamu kan walsimu osoo taane gargarummaa guddaa akka qabu ragaaleen mul’isaniiru.
Mootuummaan galii sharafa biyyaa alaa damee kanarraa aragamu guddisuuf immaamata indisirii sakkata’uu akka qabu ogeeyyoonni damee kana hubachiisaniiru.
Dameen misooma indistirii huccuu lammiilee kuma 34 carraa hojii akka uumuuf kan karoorfame ta’uus, hanga ammatti garuu karoora gadi namoota kuma 17 fi 447 qofaaf carra hojii akka uumee gabaafameera.
Abbootiin qabeenyaa oomisha gabaa biyya keessaaf dhiyeessuu, rakkoo teeknikaa, akkasumas deeggarsi mootummaan damee kanaaf kennu gadi aanaa waan ta’eef hanga karoorfameen raawwachuun akka hin danda’amne himameera.