Itoophiyaa looltoota baay’ee daangaa Sudaan kibbaa irra qubachiistee

Itoophiyaa naannoo Gambeellaa keessaa loltoota baay’ee qubachiisuu ishee Barruun Jeneraal Aviyeeshiin jedhamu gabaaseera.
Walitti bu’insa dhiyeenya kana sudaan kibbaa keessatti umaammee wajjin walqabatee Itoophiyaan loltoota ishee daangaa biyyaatti wajjiin ittiin waldangeesitu irra qubachiisuuf dirqamuu ishee barruun kun gabaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa garee riphee loltoota Reek Machaar wajjiin waliigaltee dhabuun naannichaatti tasgabbiin akkan hin jiranneef sababa ta’uu akka maluu qamooleen adda addaa himaniiru.
Naannichaatti humni waraanaa baay’een qubatee akka jiru kan gabaase Barruun Jeneeraal Aviyeeshiinii garuu sababa maaliif akka ta’ee waan jedhe hin qabu
Itoophiyaan waliigaltee Sudaan Kibbaa wajjiin qabduun hogganaan Garee riphee lolotoota Reek Machaar akka daangaa Itoophiyaa hin seenee dhoorkitee jirti.
Reek Machaar yeroo darbee Viizaa gara Itoophiyaa isaan seensu hin qaban jechuun buufata xiyyaara addunyaa booleetti gara Afriikaa kibbaatti akka deebi’aniif dirqamuu isaanii ni yaadatamaa.
Wajjiir Muummeen garee riphee Loltoota Reek Machaariin hogganamu dhiyeenya daangaa Itoophiyaatti aragama. wajjiira muummee garichaa dhiyeenya Gambeellaatti argamu kanatti yeroo ammaas loltoonni baay’een qubatanii akka jiran beekameera
Mootummaan Itoophiyaa waa’ee qubannaa loltoota kana waan jedhe hin jiru.