Itoophiyaa keessatti tasgabbii dhabuun siyaasaa fi sarbamuun mirga namoomaa sadarkaa nama yaaddessu irra akka gahe Aministii Internashiinaal beeksiise

mormii ummataa to’aachuuf jecha labsiin yeroo hatattamaa labsamee hojii irra ooluus tasgabbii dhabuun siyaasaa fi sarbamuun mirgaa namooma Itoophiyaa keessa jiru kan yeroo kamuu caalaa sadarkaa yaaddeessaa irra akka gahe dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Internashiinaal beeksiiseera.
Mormii ummaata waggaa tokkoo oliif itti fufee wajjiin walqabatee sarbamuu mirgaa namoomaa lammiilee nageenyaa irratti raawwatamee hatattaman qulqula’uu akka qabu Aministii Internashiinaal waamicha mootummaa Itoophiyaaatiif dhiyeesseen gaafateera. Yeroo ammaa namoota nageenyaa yakka tokkoo malee waliitti qabanii hidhuu akkasumas tarkaniiffiin humnaa humnoonni nageenyaa mootummaa ummata irratti fudhatan cimee itti fufuun sadarkaa yaaddeessaa irra akka jiru dhaabbatichaatti bakka bu’aani gaanfa Afriikaa Miicheelee Kagaarii beeksiisan.
Mootummaan Addaa Waarqisa ummattoota Itoophiyaattin hogganamu foyya’insa siyaasa hojiirra olcha jedhee yeroo gara gara dubbachuurra lammiilee yaada isaanii bilisaan waan ibsatan qofaaf qabamanii manneen hidhaa keessatti dararaamaa jiran hatattamaan gadi dhiisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Mormii ummataa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa wajjiin wal qabatee xiqeenyaatti namoonni 800 humnoota nageenyaa mootummatiin akka ajjeeffaman dhaabbanni mirga namoomaf sadarkaa addunyaatti falmuu Aministii Internashinaalii ibsa waa’ee dhimma yeroo Itoophiyaa irratti baseen beeksiisera.
Kongraasii Federaliistii Oromoo gama isaatiin, mormii ummataa wajjiin walqabatee namoonni 1500 ol humnoota nageenya mootummaa Itoophiyaan ajjeefamuu isaanii beeksiisee turee. Dhaabiilee mirga namoomaaf sadarkaa addunyaatti falman waa’ee lakkofsa namoota nagaa humnoota nageenya mootummaatin ajjeeffamanii qaama bilisaatiin akka qulquleeffamuuf yeroo adda addaatti mootummaa Itoophiyaa gaafataniis deebii argachuu hin adndeenye.
Mormiin ummataa kun deebii qubsaa yoo hin argannee ammas itti fufuu akka danda’u Dhaabbatichatti bakka buutuun Gaanfa Afriikaa Miicheelee Kagaarii shakkii qaban dubbatan.
Biyyoonni fi Dhaabbileen deeggartoota misoomaa mootummaa Itoophiyaa mormii ummataa kana to’aachuuf jecha labsiin yeroo hatattamaa labsamee sarbamuu mirga namoomaa babal’isa jechuun sodaa qaban beeksisaa jiru.