Itoophiyaa fi Kuwaataar waliigaltewwwan adda adda akka wajjiin mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru

Amiirri Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Hamaad Al Taanii daawwannaa hojiitiif gaafa wixataa Finfinnee galaniiru.
Daawwannaa isaanii kanan Ministira Muummee obboo Hayilamariyaam Dassaleeny fi Pirizedaant Dr Mulaatuu Tashoomaa wajjiin kan mari’ataniiru.
Qondaltoonni Itoophiyaa fi Kuwaataar dhimmoota daldalaa, dinagdee fi nageenyaa ilaalchiisuun waliigaltewwwan adda adda akka mallatteessan miidiyaaleen Itoophiyaa gabaasaniiru
Qondaltoonni biyyoota lamaanii waliigaltee dippilomaasii fi namoota paaspoortii addaa qabatan viisaa malee akka biyyoota walii akka seenaan bahan kan dandeessiisu keessatti argama jedhameera.
Walitti dhufeeny dippilomaasii biyyoota lamanii akka lakkofsa warra faranjoota bara 2008ti addaan cituunsaa ni yaadatama.
Sababan addan citeef immo miidiyaa Kuwaataar Aljaziiraan dhaabbilee mootummaan Itoophiyaa ”shororkeessitoota” ittiin jedhu ni deggaraa jechuun mootummaan Itoophiyaan mufachuun walitti dhufeeny dippilomaasii waan addaan kuteef akka ta’e ni yaadatama.
Mootuummaan Itoophiyaa Miidiyaalee dhuunfa biyyaa keessaas ta’e kan sadarka addunyaatti jiran yaada qaamolee imammaata isaa mormaniifi yaada qaamolee adda adda keessummessaan hunda aadaa akka diinaatti ilaallu waan qabuuf akka ta’e ogeessoonni miidiyaa ni dubbatuu.
Aljaziiraan akkuma Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii biyyaatti to’aannoo isaa jala jiranii yaada mootummaa qofa akka keessumeessuuf mootummaan Itoophiyaa fedhii akka qabu keessa beektoonni himaniiru.
Fedhii kun milka’uu waan dideef mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffii hanga walitti dhufeenya dippilomaasii addaan kutu irra akka gahe himama tureera.
Emiirri Kuwaataar Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Al Taanii waggaa sadiin dura Itiyoophiyaa daawwachuunii walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii akka haaromsamuuf ta’eera
Walitti dhufeeny Dippilomaasii Itoophiyaa fi Kuwaataar akka lakkofsa warra faranjoota bara 1995 akka jalqabe kan yaadatamudha.