Ijoolleen bulchinsa Gaambeellaa keessaa butamanii fuudhataman 125 keessaa 32 argamuun isaanii barame.

Hidhattoota gosa Murlee tiin torbee lama dura gaafa Ebla 14 2016 tti ijoolleen 125 tan bulchinsa naannoo Gaambeellaatii butamanii fudhatamanii turan keessaa 32 argamuu isaanii hoogganoonni biyya Kibba Suudaanii hubachiisan.
Gaazeexaan Asosheetid Piras obboo Ogaatoo Chaan bulchaa godinaa Boomaa akeekuun hoogganoonni gosaa; ijoollota gandeen sadii kan aanaa Liku aangoolee keessa akka qubachiisan gabaasan.

ijoollonni argaman dura magaalaa gudditti Piiboor tti geeffamuun achiin gara biyya Itoophiyaa akka geeffaman ibsan. Hoogganoonni gosaai joollota hafaniis akka barbaadaa jiran hubachiisan. Argamuun ijoollee kun baramuus yoomii fii akkamitti akka maatii isaaniitii waliin wal arguuf deeman hin ibsine.

Piresedaantiin bulchinsa naannoo Gaambeellaa obboo Gaatluuk Tuut argamuu ijoolee irraa odeeffannoo takkallee akka hin qabne beessisan.
Hidhattoonni gosa Murlii torbaan lama dura daangaa biyya itoophiyaa ceehanii balaa hamtuu buusuun jiraattota 230 oli ajjeesanii jiraattota 20000 oli qe’ee isaaniirraa godaansisuun gabaafamaati ture.

Mootummaan Itoophiyaa ijoollotaa fii dubartoota butamanii kana deebisuuf tarkaanfii akka fudhachaa jirtu ibsaniis boodarra marii nagahaatiin rakkoo akka hiikaa jiran hubachiisaniiti jiran.