Ihadeg labsii yeroo hatatamaa hojii irra oolaa jiru akka dhaabuu yoonkaan akka fooyyessuuf dhaabbanni Hiwumaan Raayits waach gaafate.

Labsiin yeroo hatatamaa mootummaan wayyaannee seera cabsuun hojii irra oolchaa jiru iftoomina kana hin qabnee fi dhiitta mirga dhala namaa hammaaf akka kakaasu Himaan raayits waach beeksiseraa.
Labsiin yeroo hatatamaa amma labsamee jiru kun, lammiillee biyyattii mootummaa sana morman irratti ji’a jahaaf akka isaan mirga dubbachuu isaanii hin fayyadamne godha kan jedhee hiwumaan raayits waach, Loltonni biyyattiif aangoo guutuu kennuun akka isaan namoota nagaa ajjeessan, reeban fi dararaa irraan gahaniif aangoo akka kennuu beeksiseeera.
Labsiin kun mirga walgahuu lammiile ugguruun seera addunyaa kan ayyamu hunda cabsuun hanga namoonni mana isaaniitti TV ilaaluu hin dandeenyetti kan hamamate ta’uu beeksiseera.
Erga labsiin yeroo hatatamaa labsamee as, namoonni kuma 1 fi 600 ol akka hidhaman kan beeeksie gabaasi kun, daldaltonni shantama ta’an waan manneen daldalaa isaanii cufaniif akka qabamanii hidhaman dubbaateera.
Pooliisiin biyyattii hayyama mana murtii malee ajaja kooomand postiin nama barbaade qabee hidhuu akka danda’u fi namoota mormitu dha jedhamanii shakkaman immoo maqaa haaromsa jedhuun akka adabbiii qaamaa irraan gahu beeksisee jira.