Hordoftoonni Amantii Islaamaa magaala Aduwaa jiraataan Masgiida seenaanii rabbii isaanii akka hin kadhaneef dhiibaan garagaraa irra gahaa akka jiru himame

Naannoo Tigraay Magaalaa Aduwaatti hordoftoonni Amantii Islaamaa gaaffii mirgaa Muslimoota Itoophiyaa deeggaran jechuun miidhaan adda addaa irra gahaa akka jiru himameera.
Muslimoonni Magaalaa Aduwaa keessa jiraatan 150 gaaffii mirgaa Muslimoonni Itoophiyaa walabummaan Amantii akka isaaniif kabajamuuf gaafachaa turan deeggartan jedhamanii balaaf akka saaxilaman dubbataniiru
Muslimoonni kunniin gaaffii mirgaa Muslimoota Itoophiyaa waan deeggartaniif hanga dhiifama gaafataniitti Masgiida seenuu hin dandeessaan jedhamanii akka dhorkaman ESATtti himaniiru.
Kana malees gaaffii mirgaa deeggatan jedhamanii mana murtii himatamuun maallaqaan akka adabaman dubbatniiru.
Yeroo ji’a Ramadaan kana Masgiida seenaan akka hin rabbii isaanii akka hin kadhaneef dhorkamuu isaanii beeksisaniiru.
Miidhaa Amantii isaanii karaa walabaan akka hin hordofneef irra gahaa jiru kana hubachuun lammiileen Itoophiyaa isaanii maddii akka dhaabbatan gaafataniiru
Lammiileen kunniin Amantii isanii kabajaan akkataa amantiin isaanii isaan ajajuun jiraachu malee yakkii raawwatan tokkolee akka hin jire dubbataniiru
Amantiin hordofaa jirtaan Amatii Waahibiyaa waan ta’eef dhaabuu qabdu jechuun bara 2003 jalqabee hidhattoonni mootummaa isaan dararaa akka jiran muslimoonni magaalaa Aduwaa beeksisaniiru