Hojjattoota Wajjira Olaanaa Oditara Muummichaa Oromiyaatiif miindaan gitta caasaa haaraa itti ramadamaniin osoo hin kaffalamneef ji’oota sagaliin boodaa xalayaa biraan akka bakka bu’u waan ta’eef hojjattoonni komataniiru.

Hojjattoonnis ji’a ji’aa haala caasaa haaraatiin mindaan ni kaffalama jedhanii osoo abdiin eegaan xaalayaa biraan bakka bu’uun akka isaan gaddisiise beeksiisaniiru
Qondaltoonni wajjiiriichaa akkaata Iskeelii miindaa caasaa haaraa kaffaluuf hanqinni bajataa waan jiruuf yeroo muraasaaf akka obsan eegaan itti himaa akka turan hojjattoonni dubbataniiru.
Amma garuu iskeelii miindaa hojjattoota mootummaaf akka biyyaatti ji’a Amajjii foyya’e akka isaanii kennamee fi caasaan haaraa duraan hojjatamen akka isaanii hin kaffalamne hojjattoonni miidiyaa biyyaa keessatti himaniiru.
Hojjattoonni miindaa foyya’aa argachuuf jecha wajjiriicha gadhiisaanii waan deemaniif rakkacha akka jiru Odiitarri Muummichaa Oromiyaa beekisiiaa akka ture kan yaadatamudha.
Rakkoo kana furuuf wajjiriichi hojjettoota dorgomsiisee ramaduudhaan Hagayya 12 bara 2008 xalayaa gita caasaa haaraan irratti ramadamaniif mindaa argachuu qaban mirkaneessu akka kenneef hojjattoonni dubbataniiru.
Wajjirichi caasaa haaraan hojjettoota ramaduusaa Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa beeksisee ture
Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaas akkaataa caasaa haaraa jedhameen hojiirra akka ooluuf xalayaa gaafa 28 ji’a 11 bara 2008 Wajjiira Oditaraa Olaanaa Oromiyaaf barreesseen akka mirkaneesseef hojjattoonni himaniiru
Hojjettoonni Wajjirichaa caasaa haaraan ramadamanii Adoolessa 1 bara 2008 hojii kan jalqaban ta’uus hanga har’aatti garuu akkaata caasaa haaraa ramadamaniin miindaan akka hin kaffalamineef beeksiisaniiru.
Wajjirri isaanii hojjattoota bakka bu’ee falmuu waan dideef Biiroon Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa komiisaanii dhaggeeffachuu akka dide himaniiru.
Abukaatoo dhaabbachuun mana murtii hawaasummaa Siviil Sarvisii Oromiyaatti himaannaa dhiyeessaniis iyyaannoo isaanii harkaa fuudhuu akka dide beeksiisaniiru.
Dhimma hojjattoota kana ilaalchisuun Hoogganaa Ittaanaan Biirichaa fi Ittigaafatamaan Dhimmoota Sivil Sarvisii Obbo Takkaalign Biraanee yaada kennuuf fedhii kan hin qabne yoo ta’u, Hoogganaan Biirichaa Dr Biqilaa Hurrisaa immo hin beeku jechaniiru.