Hojjattoota mootummaaf wagga waggaan foyya’insa sadarkaa mindaa gochuf humna akka hin qabne mootummaan beeksise.

Hojjattoota Mootummaa Federaalaatiif wagga waggaan foyya’insa mindaa gochun seeraan akka mirkana’uuf gaaffiin dhiyaate humna mootummaa fi biyyaati ol akka ta’e himameera.
Mana marii bakka bu’oota Ummataatti,Koree Dhimmoota Misooma Humna Namaa fi Bulchiinsa Gaarii wixinee labsii hojjattoota mootummaa Federaalaa ilaalchisun qopha’ee irratti mari’ateera.
Wixineen Labsii kun foyya’insi mindaan hojjattoota mootummaa Federaalaa wagga lama lamaan ni taasifama jedha.
Miseensoonni Koreen dhimmoota Misooma Humna Namaa fi Bulchiinsa Gaarii immoo foyya’insi mindaa maaliif wagga tokko tokkoon hin taasifamne jechun gaafataniiru.
Hojjattoota mootummaa Federaalaaf wagga waggaan foyya’insi sadarkaa mindaa kan hin taasifamne yoo ta’e, hojjattoonni qaala’iinsa gatii amma jiru akkamitti damdamachuu danda’u jechun gaafataniiru.
Yeroo ammaa hojjattoota mootummaaf wagga waggaan mindaa dabaluun humna mootummaa ol akka ta’e, Ministeera Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaatti Daayirekitariin Tajaajila seeraa obboo Darajjee Tagiybaalu himaniiru
Gaaffii guyyoota shanan Qaamee jedhamanii beekamaniitti maaliif hojjattoota mootummaaf hin kaffalamne akkasumas yeroo qaala’iinsi gatii cimee jiru kanatti maliif tola tajaajilu jedhu gaafatameera.
Hojjattoonni Mootummaa ji’a ji’aan mindaan kan kaffalamuuf waan ta’ee, kan kennamufis ji’oota 12 qofa akka ta’e obboo Darajjeen dubbataniiru.
Biyyoota biroo keessatti guyyoonni shanan kunniin ji’oota adda adda irratti dabalamuun ji’oota 12n akka beekamu himuun bira darbaniiru.
Labsiin Wixinee hojjattoota mootumaa kun maadalli hojii fi gita hojii walfakkataa irratti mindaan walqixaa akka kaffalamu kan gaafatu jedhameera.
Akkasumas Wajjiiraalee mootummaa Federaalaa keessatti hojjattoota sabaa fi sabalamoota adda addaan akka walsimu gochuuf jedhameera.
Wajjiiraalee mootummaa Federaalaa mindaa gaarii kaffalanii fi fayeeda adda addaa qaban baay’ee keessatti olantummaan miseensoota waayyaannee akka baay’atu himama.
Keessattu wajjiiralee mootummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Teelekomuikeshiinii, Humna Ibsaa, Baankii Daldalaa, Minsiteera dhimmaa Alaa, Koorporeshinii Sibiloota fi Injinariingiitti sadarkaa olaanoo hanga gaditti miseensoota waayyaanneen akka guutame himameera.