Hojjattoota Dhaabbata ‘Tiraanzitii’ Galaanaa fi Tajaajila ‘Lojistikii’ Itoophiyaa yakka malaammaltummaan shakkaman too’annoo jala akka oolfaman gabaafame

Mootummaan Itoophiyaa Hojjattoota Dhaabbata ‘Tiraanzitii’ Galaanaa fi Tajaajila ‘Lojistikii’ yakka malanmaltummaa raawwatan jedhe shakke shan to’aannoo jala akka oolche miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Akka gabaasa miidiyaalee mootummaatti, hojjattoonni shanan qabeenyi mootummaa fi ummataa akka manca’uuf gumaachan jedhamaniitti kan hidhaman
Hojjattoonni dhaabbatichaa shanan malanmaltummaan shakkamanii to’aannoo jala oolfaman sadarkaa hojii adda addaa irratti ramadamanii hojjechaa akka turan himameera.
Hojjattoonni malanmaltummaan shakkamanii hidhaman kunniin Itti-aanaa Hoji-raawwachiisaa Damee Tajaajila Buufata Doonii fi ‘Tarminaalii’kan turan Obboo Dassaalany Gabrahiyiwoot Tafarraa ,Itti-aanaa Hoji-raawwachiisaa Olaanaa Damee Tajaajila Korporeetii kan turan Obboo Siisaay Abbaafardaa fa’a.
Akkasumas Hogganaa Qajeelcha ‘Pilaanii fi Biizinaas Davaloopmantii’Obboo Siiraaj Abdullaahii,Itti-aanaa Hoji-raawwachiisaa Olaanaa Damee Tajaajila ‘Shiippiingii Injinara Olaanaa Alamuu Ambaayee fi Hogganaa Faayinaansii Obboo Saamu’eel Malaakuu fa’a akka ta’an gabaafameera
Oduu walfakkatuun,Koomishiniin Poolisii Finfinnee hoggantoota, ogeeyyii fi namoota dhuunfaa 57 yakka malaammaltummaatti shakkaman too’annoo jala oolchee qorataa akka jiru beeksiseera.
Hoggantoonni, ogeeyyii fi namoota dhuunfaa kunnin waajjiraalee mootummaa adda addaa keessatti ramadamanii kan hojjachaa turan jechuu malee maqaan wajjiiralee fi namoota hin beekamne.
Mootummaan Itoophiyaa hojjattoota mootummaa fi Daladaltoota malanmaltummaan shakkaman irratti tarkaniiffi fudhachaa akka jiru beeksiseera.
Qondaltoota mootummaa olaannoo jedhaman keessa hanga ammaatti malanmaltummaa shakkamee kan hidhame Ministiir deetaa tokko qofa ta’un ni yaadatama.
Hogganaan Koorporeshiinii Shukkara Itoophiyaa duraanii Obboo Abbaay Tshaayee fi Koorporeshiniin Injinariiniigii fi Sibiilaa maqaa ijaarsa warshaalee shukkaraa haaraa jedhun birrii Biiliyoonaa 77 kan mancaasan tarkaniiffi irratti fudhatame hin jiru
Tarkaniiffiin malanmaltummaa kun qondaltoota gurguddoo akka Abbaay Tsahaayee fi hogganaa Koorporeshiinii Injinariniigii fi Sibiilaa Birgadeer Kinfaaw Danyee kan hin ilaalane yoo ta’e, fixaan bahuu isaa akka shakkan namoonii bay’een ni dubbatu .