Hojjattoonni lama aangoo isaanii seeraan ala itti fayyadamun horii nama sammuudhan himataman.

Hojjattoonni lamaan nama garee riphe-loltoota Al-sheebaab wajjiin waliitti dhufeenya qaba jedhame shakkamu akka hidhaniif ergaman aangoo isaanii seeraa ala itti fayyadamuu fi malanmaltummaa raawwatan jedhamanii himatamusaanii gabaafameera.
Hojjattoonni lamaan abbaan alangaa federaalaa himate kunniin Bahiiruu Addunyaa fi Darraa Dastaa akka jedhaman gabaafameera.
Bahiiruu Addunyaa hojjataa eggumsa nageenyaa mootummichaa yoo ta’u, Darraa Dastaa immoo shufeera jedhameera.
Himatamtoonni lamaan Godina Baalee magaalaa Gindhiir keessatti nama Obboo Omar Abdoo Weeboo garee Al- Sheebaab wajjiin waliitti dhufeenya qabu jedhamanii waan shakkamaniif muddee 19 bara 2009 halkaan keessa saa’aatii 3tti suuqii isaanii akka sakkata’an ajajaa kennameef raawwataniiru jedhameera.
Himatamtoonni lamaan wayita Sakkata’aan birrii kuma dhibbaa 4 fi kuma 18 fi dhibba shan kan argataniiru.
Yaa ta’u malee,isaan garuu birrii kuma 30 qofa galmeessiisuun birrii kuma 300 fi kuma 88 fi dhibba 5 osoo hin galmeessiisne dhiisuun himaannaa yakka aangoo isaanii seeraan ala itti fayyadamu fi hojii irratti fudhachuu fi dhoksuu yakka jedhuu abbaan Alangaa himachuu isaa gaazexaan Repotrergabaaseera.

Loltooni mootummaa fi hidhatooni jaraa sababa adda addaatin namoota shakkaman yemmuu manaf qabeenya isaanii sakkata’an saamichaa guddaa akka gochaa jiran gabasamaa turun isaa waan beekamudhaa.