Hojiin ijaarsa pirojektii hidha laga Abbayyaa laafaa akka jiru Gaazeexeestoonni beeksiisan

Gareen gaazeexeestoota dhaabbilee sab-qunnamitti mootummaa irraa walitti bahee oduu hojiin pirojektichaa laafee jira jedhu soba ta’uu akka mirkaneessuuf garaas ergamee turee. Gaazeexeestoonni kunnin erga pirokelticha daawwatanii boodaa hojii hojjatamaa jiru akka hin jire mirkaneessuun isaanii ESAT tti himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa hojiin pirojektichaa daqiiqaa tokkoofilee hin dhaabbatuu jechuun dubbachaa tureera. Gaazeexeestoonni pirojekiticha guyyaa tokkoof naanna’aanii wayita daawwatan konkolattoota darbee darbee mul’ataniin alaa nama hojiirra jiru tokkolee arguu akka hin dandeenye dubbatan .
Kun immoo Oduun hojiin pirojektichaa dhaabbateera jedhu kan mirkaneessuu jedhan . Kana duraa wayiat pirojekticha daawwatan hojjattoota baay’ee hojiirra jiranii fi Maashinaroota hedduu hojjatan arguusanni dubbatan.
Pirojekticha kan isaan daawwachiise nama tokko qofa jedhan. Hojjattoota tokko tokko naannichaatti argan gaaffii gaafataniif deebii akka hin kenniin dhoorkamaniiru.
Gaazexeestoonni hojjataa tokkoo arganii gaaffii gaafachuuf yaalu isaanii dubbataniiru. Inniis odeeffannoo tokko akka hin kennin dhorkamusaanii dubbateera. Bilbilaaniis akka hin dubbanne waan dhorkamaniif bilbilaa isaanii akka cufan himeera. Kana malees garee gaazexeestoota wajjiin mul’achuun isaatuu rakkoo itti fidu akka danda’u soodachuusa itti himeera.
Hogganaan pirojektichaa Injinaar Simmanyaaw Baqqalaa gama isaaniitiin, haala waliigalaa pirojektich yeroo amma irra jiru xiqqoo erga itti himanii booda, pirojekticha yeroo baay’ee waan daawwataniif ammaan booda waan argitan haala isiniif ta’uun gabaasa jedhaniin akka isaan gaggeessan beeksiisan.
Hojjattoonni pirojektichaa mormii ummataa deeggartu jechuun qabamanii waan hidhamniiru. Kan hafan immoo hidhaa soodatanii naannicha dhiisaanii waan badaniif hojiin pirojektichaa laafuu akka hin oole gaazeexeestoonni tilmaamaniiru. Hanqinnii maallaqaas dabalataan hojii kan laafisuu akka danda’a jedhan .
Dhiyyenya kana itti aanaa hogganaa baankii daldala Itoophiyaa damee pirojektichaa dabalatee namoonni baay’een akka badanii fi hojjattonnii 30 ol hidhamuu isaanii gabbasu keenya ni yaadatama.