Hojiin galii guyyaa daldaltootaa tilmaamuu jalqabame mormii guddaa fi tasgabbiin akka dhabamu gocha jira jedhame.

Ergamtoonni mootummaa akka tasaa galii guyyaa daldaltoota tilmaamuuf bobbafaman namoota meeshaalee bitaan osoo hin hafne burjajjeessaa akka jiran maddeen oduu ESATitti himaniiru.
Ergamtoonni Mootummaa kunniin bakka gurgurtaa daldaltootaatti argamuun meeshaa jiru tilamaamuun kaffaltii ashuura murteessu jedhameera.
Namoonni kunniin paartii biyyaatti bulchaa jirutti dhiyeenya kan qabanii fi Saba tokko qofa fayyaduuf kan ergaman akka ta’es maddeen oduu himaniiru.
Daldaltoota fayyaduu barbaadan meeshaalee isaanii akka dhoksaniif dursaanii itti himuu jedhameera.
kana booda galii guyyaa guyyaan isaan argatan xiqqeessanii tilmaamuun Ashuuraan kaffalu qaban akka gadi bu’uuf ni akka gargaaraniis dubbataniiru
Gurma’iinsa dhaabaa wajjiin walitti hidhata qabu kanan daldaltoota miidhuu barbadaan hanga birrii kuma 10 fi ol itti tilmaamuun daldaltoota saba tokkoo qofa fayyadamtoota gocha jiru jedhan
Daldaltoota Saba Tigraay hanga birrii 500 fi isaa gadi itti tilmaamuun daldaltoota biroo kisaaraaf saaxilaa akka jiran maddeen oduu beeksisaaniiru.
Hojiin tilmaama Galii guyyaa daldaltoota gadi aanoo irratti ramadame kun erga jalqabamee booda daldaltoonni duri turan gara maddiitti dhiibuun haaraa saba tokko qofa kan ta’an uumaa akka jiran maddeen oduu ESATitti himaniiru