Hojiilee bu’uuralee Telekoomii Itoophiyaa babal’isuuratti kan bobba’e Kampaaniin Erikisaan Kisaaraa keessa akka jiru himameera.

Kampaaniin biyyaa Siwiidiin Erikisaan kun akka lakkoofsa warra faranjoota bara 2014 waliigaltee pirojektoota hojii babal’isuu telekoomii afur mootummaa Itoophiyaa wajjiin mallatteesun hojii jalqabeera
Erikisaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa gahaa ta’uu waan dadhabee fi sababa bu’aa gahaa dhabeen rakkoo guddaa keessa akka jiru himameera
Kampaaniichi pirojektoota hojii babal’isuu Netwoorkii magaaloota Arbaamincii, Walayiitaa- Sooddoo fi naannoowa isaanii yeroon xumuruu waan hin dandeenyeef waliigalteen waggaa tokkoon dura akka addaan cite ragaaleen mul’isaniiru
Pirojektoonni kunniin Kampaaniicha harkaa fuudhamanii kampaanii Chaayiinaatiif akka kennaman himameera.
Bu’aan dabalataa kampaanii Erikisaan dhibbeenta 94n kan hir’ate yoo ta’u,gurgurtaan kampaaniichas dhibbeentaa 14 gadiin akka hir’ate Rooytariis gabaasuun ni yaadatama.