Hoggantoota fi Miseensoonni Koree dhimmoota Musiliimaa Itoophiyaa 12 Saawud Arabiyaa Jiddaatti hidhamusaanii himame.

Hoggantoota fi Miseensoota koree dhimmoota Musiliimaa Itoophoyaa Saawudiitti hidhaman Usitaaz Abubakaar Ahimaad, Usitaaz Yasiin Nuuruu , Usitaaz Badiruu Huseen fi Usitaaz Kamaal Shamsuu fa’a akka ta’an himameera.
Musilimoonni Itoophiyaa 12n sababa maaliif akka hidhaman kan hin beekamne ta’uus, Pooliisoonni fi qamooleen nageenya Saawud Arabiyaa qindominaan qabanii akka hidhan himameera.
Musliimoonni Itoophiyaa kunniin kan hidhaman sirna Amantii Umiraa irratti hirmachuuf gara Jiddaa erga imalaanii booda jedhameera
Hidhamtoonni Muslimoota Itoophiyaa Sirna kadhanaa amantii erga xumuranii booda gaafa kamisa gara galgalaa irra qamooleen nageenyaa Saawud Arabiyaan akka hidhaman beekameera
Miseensoonni Koreen dhimmoota Musliimaa miidhaa amantii mootummaan Itoophiyaa Musiliimoota Biyyaatti irraan gahuu mariin furmaata akka argatuuf waan gaafataniif Shororkeessummaan himatamanii hidhamanii turun isaanii ni yaadatama.
Hoggantoonni koriichaa mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti ammaas dararamaa jiran jiru.
Mootummaan Itoophiyaa dhimma hidhamuu Miseesensoota Koree dhimmoota Musliimaa Saawud Arabiyaatti hidhaman kana keessa harka qabaachuu fi dhabuun waan beekame hin jiru