Hoggantoonni warqaasa biyyooleessa Itoophiyaa guyyaa jimaata ibsaa akka kennan beeksiisaniiru

Hoggantoonni warqaasa biyyooleessa Itoophiyaa dhiyeenya kana dhaabbilee siyaasa afruriin hundeeffamee guyyaa jimaata ibsaa akka kennan beeksiisaniiru. Hoggantoonni kunniin ibsaa kennu kan barbaadaaniif gamtaan isaanii dhimmoota gara fulduraatti irratti xiyyeeffatee hojjachuuf karoorfatee ibsuuf.
Ibsaa kilaabii pirees waashingtan diisiitti wadhakaa guyyaa irraa jalqabee kennamuu kana irratti hoggantoonni Addaa Dimokraasii Oromoo Obboo leencoo Lataa fi Doktoor Diimaa Nagawoo, Dura Ta’aan Paartii biyyooleessa Affaar Doktoor Koontee Muusaa, miseensi hoggansaa Arbanyooch Ginboot sabattii Obboo Muluneeh Iyyu’eel,akkasumas dura ta’aan warqaasaa ummata sidaamaa Obboo Baqqalaa Waayyoo akka argaman hubachuun danda’ameera.
Sirnaa hundeeffamma gamtaa warqaasa biyyooleessa kana irratti sagalee ummataa Amaaraa dhunfaadhaan taajabuuf kan argamaan turaan obboo Hayilagabre’eel Ayyaaleew ibsaa kana irrattis akka argamaan beekameera.
Mootummaa waayyaanneetiin midhaa mirgaa namummaa irra gahee mana hidhaa keessaa kan turtee gaazexeesituu Rii’yoot Alamuu ibsaa kana irraatti akka argamtuu odeeffannoo Gamtaa warqaasa biyyooleessa Itoophiyaa irra argannee ni mirkaneessa.
Gamtaan Warqaasa biyyoleessa Itoophiyaa hundaa kan hirmaachiisee gochuun, paartiilee Moormittoota hunda wajjiin walgalteen hojjachuun mootummaa abbaa irree Wayyaannee fonqolchuuf akka hojjatuu beeksisuun isaa ni yaadatama.