Hoggantoonni Paartii Kongrasii Federaliistii Oromoo Bulchiinsii Mana Hidhaa Qilinxoo Gaaffii isaaniif deebii kennuu waan dideef nyaata akka lagatani maatiin isaanii himaniiru

Hogganoonni paartii Kongrasii Federalistii Oromoo qabamanii mana hidhaa Qilinxoo jiran bulchiinsi mana hidhichaa gaaffii mirgaa gaafataniif deebii waan hin kenniineef nyaata maatii irra dhaquuf fudhachuu diduu isaanii maatiin beeksiisaniiru.
Maatiin isaan dubbisuuf gara mana hidhaa Qilinxoo wayita deemaaniitti gadi bahanii dubbisuu akka didaan maatiin hidhamtootaa Sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Oromootti himaniiru.
Bulchiinsi mana hidhichaa Televizhiinii hidhamtoonni duraan daawwachaa turan ji’a jahaan dura akka jala fudhate maatiin hidhamtoota himaniiru.
Hidhamtoonni Bulchiinsa mana hidhaa wajjiin walitti bu’insa akka qaban haati manaa obbo Dajanee Xaafaa aadee Asalafach Mulaatuu dubbataniiru.
Bulchhinsi mana hidhaa kitaboolee akka dubbisaniif eyyamameef akka seenuu taasfame yeroo yeroon sakkata’uun jala akka fudhatan Aadee Asalafaach hidhamtoota waabeffachuun himaniiru.
Kitabooleen kunniin wayita galan bulchiinsi hidhamtoota kan jedhamu ilaale eyyamee akka seenuuf taasifamuusaas dubbataniiru.
Hidhamtoonni kitaboolee bulchiinsi mana hidhaa jala fudhatu kun maatii isaaniitti akka kennu yookan immoo akka isaaniif deebisu gaafachusaanii aadee Asalafaach dubbataniiru.
Hoggantoonni Paartii Kongrasii Federalisitii Oromoo duraan kutaa xiqqoo tokko keessa namni torba ta’uun hidhamanii kan turan yoo ta’u, amma garuu bulchiinsi mana hidhichaa hidhamtoota biroo 8 itti dabaluun mirga isaanii sarbaa akka jiru dubbataniiru.
Kutaan kun dhphoodhaa bakka dhaabbanuu fi bakki teenyuu hin jiruu akkasumas kutaan dukkanaa fi qilleensi gahaa hin qabu waan ta’eef maaliif mirga keenya sarbituu jedhan yoo gaafatan yoom adabamtaani isiin hafa deebiin jedhu bulchiinsa mana hidhichaa irra akka kennamuuf dubbataniiru.
Bifuma walfakkatuun Abukatoota hidhamtoota keessaa tokko kan ta’an Obbo Abduljabbaar Huseen maamiltoota isaanii wajjiin wal arguuf gara mana hidhaa Qilinxoo dhaqanii hidhamtoonni gadi bahuu didan bdeebii jedhu akka isaan kennamee himaniiru.
Dhimmichaa ilaalachiisee gara bulchiinsa mana hidhichaa dhaqanii maamiltoota isaanii wajjiin mari’achuu akka barbaadan itti himaniis deebii wal fakkatu gadi bahaan nama dubbisuu hin barbaadan nuti immoo humnaan baasuu yookan immoo sii bira geessuuf seerii nuuf hin eyyamu deebiin jedhu kennameef osoo hin milkofneef akka deebi’an dubbataniiru.