Hogganaan Waldaa Hojjattoota warshaa Gogaa chaayinoota magaala Mojoo jiru miidhaa hojjattoota irran gahu waan mormaaniif hojiirra dhoorkamaniiru

Warshaan Gogaa Chaayiinootaa naannoo Oromiyaa magaala Mojootti argamu miidhaan hojjattoota irraan gahu yeroo gara yerootti dabalaa akka dhufe hojjattoonni himaniiru.
Dhiittaa mirga namoomaa hojjattoota irra gahu kan mormaan hogganaan waldaa hojjattoota warshiichaa obboo Atakii’aa Iddoo hojiirra dhorkamaniiru
Warshaan Gogaa kun meeshaalee of-eeggannoo hojjattootaf waan hin dhiyeessineef hojjattoonni miidhaa qaama isaanii hir’isu irra gahaa jira jedhameera.
Warshaan Gogaa Chaayiinaa kun waggoota shaniin dura hojjattoota 1500n hojii akka jalqabe himameera.
Warshiichi meeshaalee of eeggannoo hojiif barbaachisaa ta’aan dhiyeessu waan hin dandeenyeef balaan hojjattoota irra gahu yeroo gara yerootti dabala akka jiru hoggannaan waldaa hojjattootaa himaniiru.
Hogganaan waldaa hojjattoota balaa hojii irratti hojjattoota irra gahu maaliif dubbate jedhamanii maqaa murtii bulchiinsan jedhuun hojiirraa akka dhoorkaman beeksisaaniiru.
Murtiin kun Seeraa qabeessa akka hin taane himaniiru.
Ji’oota shanan darban qofa hojjattoota saddeeti ol hojii irra osoo jiran miidhaa guddaa harka isaaniirra akka gahe dubbataniiru.
Hojjattuun warshichaa takka immoo osoo hojii irra jirtu maashiinii warshichaan harki ishee lamaan gutumaan gutuutti akka irra cite xalayaa waldaan hojjattootaa Konfedereshiinii waldaa Hojjattoota Itoophiyaaf erge waabeffachuun gaazexxaan Rippoortaar gabaaseera.
Hojjattoonni Warshiichaa guyyaatti birrii 40 gadi kaffalamaaf meeshaaleen of-eeggannoo gahaan bakka hin jireetti maashinoota irra hojjachaa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru.
Hojjattoonni warshichaa komii isaanii kana bulchiinsa magaala Mojootiif dhiyeessaniis deebii argachuu akka hin dandeenye beeksisaaniiru.