Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun waraanaaf isaan Afeera akka jiru Amerikaan beeksiste

Kooriyaan Kaabaa yaalii dhukaasa meeshaa waraanaa Miisaa’eelii cimstee itti fufte jirti.
Biyyaattiin tibbaana immoo meeshaa waraanaa miisaa’eellii boombii Hayidrojiinii itti fe’aamu bifa milka’een akka yaalte addunyaatti himtee jirti.
Gocha Kooriyaa Kaabaa dhiyeenyaatti kan hordoftu Amerikaan akkuma kana duraan biyyaattiin gocha kana akka dhaabduuf akeekkachistee jirti
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambasaddaarri Amerikaa Niikii Haaleey, hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun waraanaaf nu kadhachaa jira jechun gochi biyyaatti sirri akka hin taane dubbataniiru
Mootummaan Amerikaa Kooriyaan kaabaa yaalii dhukaasa miisaa’eelii kana irra akka of qusatuuf qoqqophii adda addaa irra kaa’uun kan yaadatamudha
Amerikaan rakkoo kooriyaa kaabaa tarkaniiffii humana waraanaatiin furuun filannoo ishee jalqabaa akka hin taane Niikii Haaleey waltajjii Mana Marii mootummoota gamtoomaanii irratti dubbataniiru
Amerikaan qoqqobbii cimaa Kooriyaa Kaabaa laamshessuun yaalii meeshaa waraanaa akka dhaabduuf dirqamsiisu akka qopheesitu Niikii Haaleey beeksisaniiru
Oduu walfakkatuun immoo Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kooriyaa Kaabaa irra dabalataan qoqqobbii haaraa kaa’uun bu’aa akka hin qabne beeksisaniiru.
Pirezedaantiichi yaa’ii biyyoota wal-ta’aniisa shananii (BRICS) jedhaman Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afriikaa kibbaa miseensummaan qabu irratti akka himanitti, qoqqoobbiin dabalataa biyyaatti irra kaa’uun sagantaa Niwikilarii jalqabde hin dhabbisisuu jedhan
Chaayiinaa fi Raashaan biyyoota addunyaa muraasa Kooriyaa Kaabaa wajjiin walitti dhufeenya daladala cima qaban akka ta’an ni himama.
Biyyoonni lamaan gahee sagalee sagaleen kuffisuu mana marii nageenyaa mootummoota gamtomaanii keessatti qaban fayyadamuun qoqqoobbii fi murtiwwaan Amerikaan biyyoota adda addaa irra akka kaa’aamuuf dhiyeestu kuffisaa turuun isaanii ni yaadatama