Hogganaan Garee loltootaa Sudaan Kibbaa Itoophiyaa akka hin seenee dhorkamanii

Itti-aanaa pirizedaantii duranii fi hogganaan garee loltoota Sudaan Kibbaa Doktoor Reek Machaar Bufaata Xiyyaara Addunyaa Booleetii dirqisifamaanii gara Afriikaa kibbaatti akka deebi’an Gaazeexaan Sudaan Tiribuun jedhamu gabaasera
Reek Machaar Afriikaa Kibbaatti akkumaa buufta xiyyaara addunyaa boolee gahaniin qondaltoota mootummaa Itoophiyaatiin akka buufata xiyaaraatti hin baane erga dhorkamanii booda gara Afriikaa Kibbaatti akka deebi’an dirqisifamaaniiru.
Buufata Xiyyaara Booleetti saa’aatii Afrurii fi wadhakadhaaf akka hidhamaniis gabaafameera. Hidhaa kana booda garuu qondaltoonni Itoophiyaa gara Afriikaa Kibbaatti deebi’uu yookan immoo dirqisifamanii gara Sudaan kibbatti ergamuu akka danda’an akka isaan marsiisaan beekameera.
Reek Machaar erga Itoophiyaa gara Afriikaa Kibbaatti dirqisifamanii deebi’anii booda bakki isaan jiran hin beekamne. Qondaltoonni garichaa tokko tokko Reek Machaar Sudaan Kibbaatti deebi’an jechadhan. Kan biroo immoo nagaan gara Afriikaa Kibbaatti deebi’aniiru jecha jiru
Ugaandaatti bakka bu’aan garichaa Toomaas Magook chool gamaisaantiin, hogganaan garichaa Reek Machaar sababa hin beekamneen Itoophiyaadha gara afriikaa Kibbaatti akka deebi’aanii deemaan dirqisifamuu isaanii mirkaneessaniiru.
Mootummoota Gamtoomanitti, manni marii tasgabbii Reek Machaar irra qoqqophii adda adda ka’uuf ni mari’at jedhamee eggama.
Yaadni qoqqophii Mootummaa Ameerikaattin dhiyaate kun Reek Machaar gara biyyoota adda adda akka hin deemnee fi qabeeny isaanii akka hin sochoone kan dhorku. Akka mootummaan Ameerikaa jedhuutti Reek Machaar Pirizedaantii Biyyaatti Salvaakiir irratti waraana labsaniiru.