Hiriira Nagaa Tibbaana magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamun lubbu namoota darbeera.

Hiriira nagaa tibbaana magaloota Godinaalee Shawaa Kaabaa, Iluu Abbaa Booraa gaggeeffamen lubbu namoota akka darbe jirattoonni himaniiru.
Hiriirri mormii kun Godina Shawaa kabaa anaalee Kuyyuu, Yayyaa Gullallee, Hidhabuu Abootee, Godina Addaa Naannaawaa Finfinnee Magaalaa Caancootti gaggeeffame ture.
Akkasumas Godina I/A/ Booraa aanaalee Hurrumuu, Mattuu, Yaayyoo, Sal’ee Noonnoo, Haluu, Goree,Daariimuu,sibboo, Algee , Aallee Godina Buunnoo Beddellee Magaalaa Beddellee fi aanaa Cawwaaqaatti hiriirri fi mormiin cimaan akka ture ubatameera.
Hiriirri mormii kun karaa nagaan gaggeeffama kan ture ta’uus, loltoonni mootummaa federaalaa akkama kana dura hunda lammiilee nagaa dhadannoo gara gara qabatanii bahaniirratti dhukaasa banuun lubbuu namoota gaalafataniiru.
Hiriira Mormii Godina Shawaa kaabaa magaala Garba Gurraachaa fi Muka Xurrii akkasumas Goddina Addaa Oromiyaa Naannaawa Finfinnee magaalaa Caancootti gaggeffame sababeeffachun loltoonni federaalaa lammiilee nagaa ajjeessaniiru jedhameera.

Hiriirri mormii tibbaana magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffame kana tikoonni mootummaa waayyaannee qindeessuun qeerroo Oromiyaa aarsaa hin barbaachisne kaffalchiisuf yaadametti jedhameera.
Yeroo ammaa Qeerroon fi Pooliisiin Oromiyaa tokkummaa isaanii cimsuun shira jeequmsa uumuu danda’u hunda waan cuufaniif tikoonni mootummaa waayyaannee namoota hiriira mormiif kakasaa akka jiran beekameera.
Haaluma kana, Tikoonni mootummaa gaaffii Ummata Oroomoo Hidhamtoonni Siyaasa yaa hiikaman, Lammiilee Oromoo qe’eera buqqisuun yaa dhaabbatu fi mootummaan waayyaannee nu hin bulchu jedhuu fi kan biroo qopheessuun dargaggoota hiriira mormiif kakasa jiru.
Dargaggoonni shira kanan hiriira mormii erga bahanii booda tikoonni mootummaa waayyaannee konkolattoota irratti dhagaa darbachuu fi qabeenya namoota dhuunfa gubuun hiriira gara jeequmsaatti jijjiiruuf yaalaa turan jedhameera.
Tikoonni waayyaannee bobbaafte kun gocha jeequmsa irratti bobba’uun lubbuu dargaggoota Oromoo gaalafachu maddiitti, sabaa fi sablamoota Oromiyaa keessa jiran wajjiin walitti buusuuf guyyaa fi halkan hojjachaa akka jiran beekameera.
Kaayyoon tikoota mootummaa waayyaannee Oromiyaa keessatti itti fufinsaan jeequmsa uumuun lubbuu fi qaama namaa akkasumas qabeenya irratti miidhaan guddaa qaqqabsiisuu akka ta’e ragaaleen mul’isaa jiru.
Tikoonni waayyaannee dhalattoota naannoo Sabaa fi sablamoota biraa dhufanitti fayyadamun Oromiyaa keessatti jeequmsa uumaa akka jiran godina Shawaa kaabaa Aanaa Warraa Jaarsootti ragaa qabataman mirkana’eera.
Poolisoonni Oromiyaa nama maqaan isaa Fiqruu Boongaa Xoonaa jedhamu Godina Walaayittaa Sooddoo Aaanaa Kindoo koshaa Ganda Moonoo Waareezaa irraa qaxxaamuree aanaa Warra jaarsootti abiddi akka qabatu taasise to’aannoo jala oolchaniiru.
Tikoonni waayyaannee naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa fi booyichaa gochuu akkasumas ummata Oromoo Ummattoota Kibbaa wajjiin walitti buusuuf kaayyeeffatanii hojjachaa akka jiran ragaan mirkana’eera.
Hiriira babka adda addaati geggeefamaa jiru kana irrati jaarsoliin biyyaa qeerroodhaa wajjin bahudhaan gorsaan gargaaraa akka jiranus oddefannoo nu gaherraa baruun danda’ameera.