Himannaan Shororkeessummaa Baqqalaa Garbaa fi Namoota Biroo Oromiyaa Keessaa Irratti Dhihaate Ameerikaanna yaaddesse jetti

Mootummaan Itiyoophiyaa dhiheenya kana shororkeessummaa Itti-aanaa dura-taa’aa duraa, Koongiresii Dimookiraatawa Oromoo – Obbo Baqqalaa Garbaa fi kanneen biroo Oromiyaa keessaa irratti dhiheessuun isaa akka isa yaaddesse kan dubbate ibsi Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaa, Sanbata dheengaddaa ifatti baastee jirti.
Mootummaan Itiyoophiyaa seera farra-shororkeessummaa irratti hundaa’ee, gaazzexeessota, miseensota paartii siyaasaa fi qabsaa’ota himachuu akka dhaabu kan gaafate ibsi Mootummaa Ameerikaa kun, “sababni isaa gochaan kun mirga sagaleewwan walabaa waan ukkaamsuuf, guddina dimookiraasii biyyattii guddisuu caalaa danqaa itti taha” jedha.
Hooggantootni Itiyoophiyaa, gaaffii lammiiwwan isaanii gaaffii sirrii ta’uu fudhachuu isaanii fi hookkarawwan hanga tokko yeroo mormii Oromiyaa keessatti ka’aniif itti-gaafatamtoonni humnoota naga-eegdotaa ta’uu amanuu isaanii akka dinqsiifate kan hubachiise ibsi Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets Ameerikaan, “garuu, namoota lakkoobsi isaanii hin beekamne sababa hiriira mormiitti hirmaataniif hidhuu itti fufee jira.
Miidhaalee mirga dhala-namaa raaw’ataman jedhameefis humnoonni naga eegdotaa hanga ammaatti itti-gaafatamummaatti qabamanii dhihatan hin jiran.
Kun immoo, silaa gara furmaataatti geessu malee amanamummaa fi itti-abdannoo mootummicha dhabsiisa” jedha.
Mootummaan Itiyoophiyaa, kanneen hidhamaniif mirga ilaalcha seeraa akka eegu, “miidhaan nurratti raaw’atamaa jira” jechuun himannaa isaan dhiheeffatan akka qorachiisuuf, himannaa isaan irratti dhiheesseef ragaalee qabu akkaataa uummataaf ifa tahetti akka dhiheessu, akkasumas mormii siyaasaa mootummaa irratti geggeeffame, hookkaratti gargaaramuu fi kakaasuu irraa adda baasee akka dhiheessu ibsi MootummaaAmeerikaa gaafate.
“Mootummaan Itiyoophiyaa, paartiilee siyaasaatti hirmaachuu dabalee, mirgaawwan heeraa lammiiwwan biyyattiif kenname akka kabajuu fi kanneen sababa kanaan hidhee jiru akka hatattamaan hiiku gaafanna” jedhaniiru.