Himaannaa deeggarsa Imbaasii Itoophiyaa Amerikaa jiruutiin ESAT irratti dhiyaate mani murtii magaala Aleksandiriiyaa kuffiseera.

Namoonni fi qaamooleen Imbaasiin Itoophiyaa Washington Dc jiru maallaqaan gargaaru manneen murtii Amerikaa irratti dhaabbilee lammiilee Itoophiyaa fi namoota dhunfaa himaachuu itti fufaniiru.
Himaannaa Darkitaarii ESAT duraanii Na’aamiin Zallaqaa fi gaazeexxeessa Kasaahuun Yilmaa irratti dhiyaate manni murtii magaalaa Aleksandiriiyaa jalqaba torbe kanaatti fudhatama hin qabu jechuun murteesseera.
Himaannaan Imbaasiin Itoophiyaa Washington DC jiru aktivistoota Itoophiyaa magaalaatti irratti dhiyeesse ture kanan dura mana murtiin akka harka kufe ni yaadatama.
Manni murtiicha hojjataan eeggumsa Imbaasiichaa saa’aatii 48 keessatti biyyaatti gadi dhiisee akka bahu itti murteessun kan yaadatamu dha.
Himaannaan Itti-aanaa Pirizedaantii naannoo Tigraay Dr Addis-Alam Baalleema fi ministirri dhimmoota komunikeshinii mootumma duraanii Redwaan Huseen miidhaan nurra gahe jira jechuun himataan manneen murtii Amerikaa kuffisuun isaanii ni yaadatama.
Itti-aanaa pirizedaantiin naannoo Tigraay gaafa beellama isaanii Itoophiyaadha Amerikaa kan dhufan ta’uus dhimmi isaanii mana murtiichaatiin jala kufeera.
Himaannaan Mootummaa fi Imbaasii Itoophiyaa yeroo adda adda dhiyeessu manneen murtii Amerikaatiin jala waan kufeef kan aaraan Diploomaatiin Imbaasii Itoophiyaa washington DC obboo Hagoos Siyyuum Waayyaannee goota biyyaa keessaniitti hin galtan jechuun wayita dhaadatan dhaga’amaniiru.