hidhattoonii Naannoo Sumaalee fi jirattoota Aanaa Mi’eessoo gudduu lolli cimaan akka ture himame.

hidhattoonii naannoo Sumaalee fi Godina Harargee Lixaa jirattoota Aanaa Mi’eessoo giddu gaafa wixataa lollii cimaan akka ture gabaafameera.
hidhattoonii Pooliisiin naannoo Sumaalee meeshaa waraanaa hanga funyaanii hidhatanii fi mootummaa Federaalaan deeggaraman yeroo adda addaa gandoota naannoo Oromiyaa daangaa irra jira weraaruun badii gudda qaqqabsiisa turaniiru.
Hidhattoonii kun ergama addaa waayyaannee kenniteef fudhachuun daangaa babalfachuu gandoota Oromiyaa weraaruun lubbuu namoota heddu galafataniiru.
Gaafa guyyaa wixataa gandoota aanaa Mi’eessoo fi magaalaa Mi’eessoo humnan to’aachuuf weraara bananiiru.
Qonnaan buloonni aaniichaa weraara kana ofirra qolachuuf tarkaniiffii fudhataniin hawwii Liyyuu pooliisii sumaalee barbadeessaniiru.
Lola gaafa wixataa halkan tureen hidhattoonii naannoo sumaalee 4 akka ajjeefaman himameera.
Reeffa isaaniis miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa gara Mi’eessotti akka fidan hiameera.
hidhattoonii naannoo Sumaalee fi Qonnan bultoota fi Horsiisee Bultoota Oromiyaa gidduutti lolli wayita gaggeeffamu kun kan jalqaba akka hin taane ni beekama.
Yaa ta’u malee, lola amma kana irratti hidhattoonii kan yeroo kamuu caalaa meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuun haleella akka jalqaban himameera.
Haalli weraara hidhattoonii naannoo Sumaalee waraana idilee diina meeshaa waraana hidhate wajjiin taasifamu malee qonnaan bultoota meeshaa aadaa qaban wajjiin kan taasifamu akka hin fakkaane jirattoonni himaniiru.
Lola gandoota aanaa Mi’eessoo keessaatti taasifameen qonnan bultoota Oromoo irra miidhaan qaama kan gahe yoo ta’u, fi kan wareegaman akka jiran gabaafameera.
weraartoota hidhattoonii sumaaleerraas miidhaa guddaa waan iirr gaheera.
Weraarri hidhattoonii naannoo Sumaalee kun waggoota heddu kan lakkofsiise ta’uus, erga mormiin ummata Oromoo jalqabee asi garuu cimee akka itti fufe himameera.
Mootummaan Itoophiyaa waayyaanneen hogganamu mormii ummataan tasgabbii wayita dhabu liyyuu Pooliisii Sumaalee gurmeessuun harka lafa jalatiin ummata oromoo irratti lola labseera.
hidhattoonii naannoo sumaalee gara jabeenya guddaan beekamu kun yeroo dhihoo asi gara daangaa Oromiyaa ce’uun qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota daangaa irra jiran Ajjeessu, Saamuu fi qabeenya isaanii barbadeessu itti fufeera.
hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshiinii Oromiyaa Obboo Addisuu Aragaa weraara liyyuu pooliisii humnoota hidhatan jechun isaanii ni yaadatama.
Wajjiirri dhimmoota komunikeshiinii Aanaa Mi’eessoo garuu hidhattoonii naannoo sumaalee jirattoota aaniicha weraaruu isaanii gabaaseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa miidhaa hidhattoonii kun jirattoota gandoota Oromiyaa naannoo daangaarra jiran irratti raawwacha jiru kana ittisuu tarkaniiffiin fudhate akka hin jire himameera.
Miseensoonni Raayyaa ittisa Biyyaa fi Pooliisoonni Federaalaa gamasantiin, weraara hidhattoonii sumaalee kana osoo argan akka hin argineetti bira darba akka jiran jirattoonni dubbataniiru.
Qonnaan Bultoonni fi Horsiisee bulktoonni Oromiyaa weraara hidhattoonii kana meeshaa aadaan ofirra ittisuun daangaa naannoo isaanii akka kabachiisan mirkaneessaniiru.