Hidhamtoonni Kongiraasi Federalaawa Oromoo Shan manni murtii bilisaan akka gadhifaman murteesseef keessa afur gaafa guyyaa kamisaa torbee tokkon booda gadhifamaniiru

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Itti-Aanaa Hoggaana Paartii Kongirasii Fideralaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni Siyaasa biroo 22n himataman torbee tokkon dura murtii gara garaa kennu isaa ni yaadatama.
Haaluma kanan Itti-Aanaa Hogganaa Paartii Kongirasii Federalaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa himaannaa yakka Idileen akka himataman Manni Murtiichaa murteesseera
Hoggantoonni Siyaasa Paartiichaa biroo 16n himaannaa farra Shororkeessummaa abbaan alangaa ittiin isaan himate akka ofirra ittisaan manni murtichaa akka murteesse gabaasu keenya ni yaadatama.
Manni Murtichaa hidhamtoota Siyaasa Shan immoo yakkaa itti himatamaniirra bilisa baasuun akka gadhifamaan torbee tokkoon duraa murteessuus sababa hin beekamneen guyyota sadeetiif mana hidhaa keessa turaniiru.
Hidhamtoota Siyaasa Shanan manni murtiii yakka ittin himatamaniirra bilisaan baasee keessa afur gaafa guyyaa kamisaa akka gadhifaman himameera.
Manneen hidhaa Itoophiyaa hidhamtoota manneen murtii yakka ittin himatamanirra bilisa ittin jedhe sababa malee manneen hidhaa keessa tursiisuun akka dararaan ragaaleen ni mul’isu.
Hoggantoonni Manneen hidhaa Federaalaa miseensoota Paartii Adda bilisa Baasaa Ummata Tigraay waan ta’aniif ajaja mana murtii kabajuun isaaniif dirqama akka hin taane himameera.
Ajaja mana murtii maaliif hin nkabajne jedhee qaamni tarkaniiffii irratti fudhatu akka hin jireefi hidhamtoota Siyaasa Oromoo irratti xiyyeeffachuun ajaja mana murtii gara madditti qabuun akka dararaan himameera.
Dawwattootaf dhaggeefatoota keenya, dhimma seeraa Dr, mararaa guddinaa fi obbo Baqqalaa Garbaafa ilalichisee marii ogeessaa seeraa walin tasfamee sagantaa keenya guyyaa borii irrati isinii dhihesina.