Hidhamtoonni 38 mana hidhaa Qilinxootti Abiddi akka ka’u taassisan jedhamanii himataman.

kilinto1Abbaan Alangaa federaalaa Hidhamtoota mana hidhaa qilinxoo keessatti hidhamanii jiran 38 manni hidhichaa abiddaan akka gubatu taassisan jechuun mana murtiitti himateera.

Abbaan Alangaa Federaalaa hidhamtoonni kunniin ji’a Amajjii bara 2008 jalqabee ergama ABO, Ginboot 7 fi Al- Shabaab fudhachuu, raawwachuu fi akkasumas hidhamtoota mana hidhaa qilinxoo keessa jiran gurmeessuun yakka uumuuf odeeffannoo wal jijjiiran jechuun himatan.

haa ta’u malee, hidhamtoonni mana hidhaa qilinxoo keessatti hidhamanii osoo jiranii akkamitti dhaabbilee shorokeessitoota jedhamanii wajjin odeeffannoo akka waljijjiiraa turan waanti jedhame tokkollee hin jiru.

Himatamtoonni 38ttan qabeenya Birrii miiliyoona 10 tti tilmaamamu akka barbadaa’u taassisan jechuun dhaabbileen sab- quunnamtii mootummaa gabaasaniiru.
Hagayya 28 bara 2008 balaa abiddaa mana hidhaa qilinxoo irra gaheen yoo xiqqaate hidhamtoonni 23 du’uun isaanii ni yaadatama.
Manni hidhaa kun gubachuu akkuma jalqabeen poolisoonni eegumsa irra turan rasaasa dhukaasuu akka jalqaban pooliisiin hidhannoo malee guyyaa sana dallaa mana hidhaa keessa ture akka hime gaazeexaan Addis Standard jedhamu gabaasee ture.
Mootummaan gama isaatiin, hidhamtoonni kunniin Ibidda jalaa bahuuf wayita yaalan walirra bahuun du’an jechuun morme.
Akka himannaa Abbaa Alangaatti himatamtoonni 38ttan Jeequmsa kaasuufis miseensota biyya keessaa fi alaa, akkasumas hidhamtoota mana hidhaa keessa jiranirraa maallaqa walitti qabaa turan.
Himatamtoonni mana hidhaa keessa osoo jiranii kara kamiin maallaqa wal – harkaa fuudhaa akka turan waanti beekame hin jiru.
Kana malees, hidhamtoota gocha jeequmsaa ni hogganu jedhamanii filatamaniif kaffaltiin raawwatamaafii ture jechuun abbaan Alangaa himateera.
Hidhamtoonni mana hidhaa qilinxootti sababa abiddaa wajjin walqabtee du’an maaliin akka du’an akka hin beekne maatiin isaanii ESATtti himanii turan.

Reeffi isaaniis bifa adda ta’een saamsamee akka kennameef maatiin himanii turan.
Jiraattonni naannoo mana hidhaa qilinxoo jiraatan gama isaaniitiin, osoo manni hidhichaa abiddaan hin gubatin dura sagalee rasaasaa akka dhaga’an dubbatan.

Hidhamtoonni mana hidhaa keessatti du’anis rasaasaan akka ajjeeffaman dhaabbilee sab- quunnamtiitti himaa akka turan ni yaadatama.